Аналитика Telegram-канала
Подписчики
173
Публикаций
28
Динамика подписчиков
7 дней
30 дней
6 месяцев
Больше
14 ноя17 ноя20 ноя
Показаны последние 7 дней
Больше истории →
Охваты публикаций
22.1024.1024.1028.1028.1003.11
12
Средний охват
62
Лучший результат
Показаны 6 публикаций — последние в канале
Больше статистики →
Упоминания
0
Упоминаний
0
Из них репостов
0
Каналов
0
Упоминаний за 90 дней
0
Из них репостов
0
Каналов за 90 дней
Последние посты
3 из 28 2 из 28Waaqayyo Ija Namarraa barbaada.
Yoh. 15
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Yesus, "Mukichi waynii inni dhugaan ana, mukicha dhaabee kan eeguu immoo abbaaa koo ti.
² Damee utuu anatti jiruu ija hin godhanne, hundumaa in mura; damee isa ija godhatu hundumaa garuu, caalchisee akka inni ija godhatuuf irraa in qeexxa'a.
³ Isin ammuma iyyuu dubbii ani isinitti dubbadheen qulleeffamtaniittu.
⁴ Anatti qabadhaa jiraadhaa! Anis isinitti nan jiraadha; akkuma dameen muka waynichaatti qabatee yoo jiraachuu dhaabaate ofiin ija godhachuu hin dandeenye, isinis anatti qabattanii yoo jiraachuu dhaabaattan ija godhachuu hin dandeessan.
⁵ Ani muka waynichaa ti, isin immoo damoota isaa ti; inni anatti qabatee jiraatu, anis isatti jiraadhu, isa ija baay'ee kan godhatu; anattii gargar baatanii waan tokko illee gochuu hin dandessan.
⁶ Namni anatti qabatee hin jiraanne, akkuma damee sanaa in gatama, in gogas; damoota akkasiis walitti qabanii ibiddatti in naqu, in gubatus.
⁷ Isin anatti qabattanii yoo jiraatan, dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, waan feetan in kadhattu, isiniif in ta'as.
⁸ Kanaan ija baay'ee godhachuu keessaniin, bartoota koo akka taatanis mul'isuu keessaniin ulfinni abbaa koo in argama.
Ijji bu'aa hojii namaati. Hojiin namaa Ija lama qaba.
Isa. 1
¹⁹ Tole jettanii yoo abboomamtan wanta gaarii lafichi baasu in nyaattu;
²⁰ diddanii yoo ana irratti kaatan garuu, billaan isin in nyaata' jedhee ani Waaqayyo dubbadheera'' jedhe.
Ija eebbaa
Ija abaarsaati
Ija akkamii nurraa barbaada?
1 Ija hafuuraa
❤️ Ijji hafuuraa Ija ittiin waan Waaqarraa ilaalaniidha.
❤️ Ijji hafuuraa ilaalcha nuti karaa hafuuraa qulqulluu ittiin waan hunda ulaalludha.
❤️Ijji hafuuraa Ija qalbii namaa isa waan hundumaa shallaguu, hubachuu, beekuu, danda'uu dha
“Waamichi isaa abdii maalii akka of keessaa qabu, ulfinni warri Waaqayyoof qulqullaa'an itti darbanii argachuuf jiranis badhaadhummaan isaa maal akka ta'e beekuudhaaf, ija qalbii keessanii akka isiniif ibsuuf kadhata koo ti.” — Efe. 1:18
2 Ija mi'aawaa
“inni lafa isaa soqee, dhagaa keessaa funaanee, sanyii waynii isa gaarii achi keessa in dhaabe; riqaas keessatti in tolche; iddoo ija waynii itti cuunfanis keessatti in ijaare; ija waynii isa miyaa'aa akka godhatus in abdate, waynichi garuu ija hadhaa'aa in godhate.”
— Isa. 5:2
Firdii qajeelaa,
Jalala
Qajeelummaa
3 Ija argu
Mat. 13
¹³ Isaan utuma ilaalanii hin argan, utuma dhaggeeffatanii hin dhaga'an, hin hubatanis; kanaafan fakkeenyaan isaanitti dubbadha.
¹⁴ Egaa raajiin, Isaayaas dubbate isaanitti raawwatameera;inni, 'Dhaga'uu in dhageessu garuu hin hubattan; ilaaluu in ilaaltu,garuu hin argitan.
¹⁵ Yaadni garaa saba kanaa hadoodeera'o; gurra isaanii cuqqaalaniiru,ija isaaniis dununfachiisaniiru. Silaa'oo, ija isaaniitiin in argu,gurra isaaniitiinis in dhaga'u turan; yaada garaa isaaniitiinis in hubatu,gara koottis in deebi'u turan, anis isaan nan fayyisan ture' jedha ture.
¹⁶ "Iji keessan garuu waan arganiif, gurri keessanis waan dhaga'aniif ayyaantuu dha.
❤️
“Achumaanis waan akka qolaa ija isaa lachuu irraa buunaan, agartuun isaa deebi'e; inni achumaan ka'ee cuuphame.”
— HoE. 9:18
4 Ija tokko
“Iji kee yoo si gufachiise, of-keessaa baasii gati; ija lachuu qabaattee qilillee ibiddaatti darbatamuu kee mannaa, ija tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya" jedhe.”
— Mat. 18:9
Ija tokko jechuun bakka tokko qofa ilaaluu, jechuun Waaqayyo qofa irratti xiyyeeffachuu dha Biyya lafaa kanaa fi Waaqayyoon wal bira qabanii ilaaluun kufaatiitti nama geessa. Ija keenya gara Yesuus qofaatti fannisuu qabna.
“Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu. Inni gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du'uu isaatiif yeelloo isa irra ga'e homaatti utuu hin lakkaa'in, obsaan fannoo irratti du'uu in danda'e; ergasiis gara mirga teessoo Waaqayyoo taa'e.”
ещё
3
0
3 ноя, 15:35
Jireenyi Kiristaanummaa amantii sirna amantii raawwachuu qofa osoo hin taane, jijjiirama bu'uuraa eenyummaa ofii keessatti Kan argan ta'uudha.
Jireenya haaraa kana yeroo ibsinu "Fayyanii Jiraachuu" ykn "Du'anii Jiraachuu" akka tokkootti ibsina. Kun paradox (jecha wal-faallessu fakkaatu) garuu immoo dhugaa hafuuraa isa guddaa of keessa qaba. Namni tokko dhugumaan gara jireenya isa haaraatti dhufuuf, dura jireenya isa moofaa fi kajeellaa biyya lafaa jalaa du'uu qaba.
Phaawulos Ergamaan kana yeroo ibsu,
Gal. 2
¹⁹ Ani Waaqayyoof jiraachuudhaafan karaa seeraa, seera jalaa du'e; ani Kristosii wajjin fannifameera.
²⁰ Egaa si'achi Kristos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya ani amma fooniin jiraadhu immoo, ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha.
Fayyanii jiraachuun dhukkuba cubbuu jalaa bahanii, garbummaa cubbuu jalaa bahanii, kiristoos Yesuus fayyisaa lubbuu ofii godhachuudhaan, Waaqayyo keessa dhokatanii jiraachuudha.
ещё
1
0
28 окт, 10:58
ещё
1
0
28 окт, 10:53
Продолжить анализ этого канала
- История роста подписчиков
- Просмотры и охваты публикаций
- Кто упоминает канал и кого упоминает он
- Похожие каналы и подбор для рекламы
Открыть аналитику
Демо до 14 дней