Аналитика Telegram-канала
Подписчики
3 494
Охват за 24 ч
112
ER за 24 ч
3,21%
Публикаций
439
Динамика подписчиков
7 дней
30 дней
6 месяцев
Больше
14 ноя17 ноя20 ноя
Показаны последние 7 дней
Больше истории →
Охваты публикаций
13:5413:5413:5413:5413:5413:54
19
Средний охват
86
Лучший результат
Показаны 6 публикаций за 14 ноября
Больше статистики →
Упоминания
3
Упоминаний
0
Из них репостов
2
Каналов
0
Упоминаний за 90 дней
0
Из них репостов
0
Каналов за 90 дней
Последние посты
3 из 439 2 из 439
Kanaafuu,kutaa jalqabaa ilaalchisee,kutaan kun yaada “beekuu” jedhu irratti hundaa’ee akka barreeffame agarsiisuuf yaadota armaan oliin ilaaluuf yaalleera.Wantoota bal'aa fi gadi fagoo ta'an immoo kutaa itti aanan keessatti waan ilaalluuf,gara kutaa sanaatti haa ceenu.
🫴Seensaa fi efesoon l:1_2 xumurreerra 🫴
🩸Ef 1:3 kaasee itti fufa Barumsi keenya
🩸 prepared by Minister Melka Alemu
🩸 Galatoomaa 🙏
🩸 SHARE GODHAA
ещё
86
0
14 ноя, 13:54
Kadhannaawwan phawulos irra caalaan isaanii kutaa jalqaba ergaa kanaa keessatti argamu;isaanis keessumaa beekumsa hafuuraa wajjin walitti dhufeenya qabu.
Efe1:17 irratti Phaawulos akkana jedha:
✓“Waaqayyo gooftaa keenyaa Yesus Kristos, abbaan ulfinaa hafuuraa ogeessota isin godhu,Waaqayyoon beekuus isa isinitti mul'isu,akka isiniif kennuuf nan kadhadha.”
— Efe. 1:17
▶️2~Hafuura ogummaa fi mul’ataa
🫴Hafuurri ogummaa fi mul’ataa kun amantoota keessa jiraachuudhaan ija garaa isaanii,jechuunis ija hubannaa isaanii,ni ibsa. Phaawulos bu’aa hafuurri kun amantoota keessatti fidu jecha tokkoon yeroo ibsu, Efesoon 1:19 irratti:
✓“Kunis nuyi warra amanneef humni isaa safara malee guddaa akka ta'e, aangoon isaa inni jabaanis nu gidduutti akka hojjetu akka beektaniif ture.”
— Efe. 1:19
Efesoon boqonnaa 1–3 keessatti Phaawulos icciitii Waaqayyoo bara baraa dura karoorfame,Kristoos keessatti raawwate,karaa Hafuura Qulqulluutiin mul’ise,akkasumas amantoonni ogummaa fi hubannaa hafuuraa argatanii akka beekan akka waaqayyoon kadhate ibsa.Icciitiin guddaan kun Yihudootaa fi Ormoota Kristoos keessatti walitti fiduu;qaama qulqulleettii tokkittii waldaa kristaanaa jedhamtu uumuu fi karoora Waaqayyoo isa samii fi lafa irratti raawwatamuudha.
Inni dhoksaa kana,warra namoota Biyya lafaa guutuu keessa jiraniif ibsuu barbaadu, akkamitti akka beekuu danda’e yeroo ibsu:
“... Dhoksaa kana mul’isuudhaan na beeksise.” (Efesoon 3:3)
✓“Akkuma ani dura as keessatti gabaabsee isiniif caafe Waaqayyo dhoksaa isaa mul'ata keessatti anatti argisiiseera.”
— Efe. 3:3;jedhee barreessa. Guddina dhoksaa kanaa fi yeroo ammaa mul’achuu isaa agarsiisuuf immoo:
“... Dhoksaan kun dhaloota duraanii keessatti ilmaan namootaatti hin beekamne(argisiifamne);amma garuu Hafuuraan ergamoota isaa qulqullootaa fi raajota isaatitti mul’ifameera.” (Ef 3:5)
jedha.
Tajaajila isaa ilaalchisee,maaliif ergamaa ta’ee akka muudame,maaliif Gooftaan humna isaatiin isa keessatti akka hojjetu, maaliif kennaan ayyaanaa akka isaaf kennamee fi maaliif tajaajilaa Wangeelaa akka ta’e yeroo ibsu,yaada kana jecha hima armaan gadii keessatti akkana jechuun ibsa:
✓Efe. 3
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁸ Ani warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaa irra nan xinnaadha; haa ta'u iyyuu malee, badhaadhummaa Kristos isa bira ga'uun hin danda'amne, saba Waaqayyoo warra hin ta'initti misraachoo akkan lallabuuf ayyaanni kun anaaf kennameera.
⁹ Kanaanis akeeki dhokataan kun maal akka ta'e namoota hundumaaf ibsuun anaaf kennameera; akeeki dhokataan kun bara durii durii jalqabee yaada Waaqayyoo, yaada isa hundumaa uume keessa dhokfamee ture.
Kanaaf,yaada isaa kana walitti qabnee yeroo gabaabsinu,yaadota lama arganna:
▶️“Beekuu” fi “Beeksisuu.”
🩸Phaawulos,isa dhoksaan Wangeelaa ormootaaf akka mul’atuuf ykn Namoonni Ormoota keessaa dhufan icciitii Wangeelaa akka hubataniif,Phaawulos inni Kristoosiif jedhee hidhamee jiru sun,yeroo sana mana hidhaa keessatti argamu illee,Isa samii fi lafa irratti maatiin kristaanotaa hundaa maqaa isaatiin waamamu fuula waaqayyo abbaa duratti argamuun jilbeenfatee, qulqullootaaf ciminaaf cichoominaan kadhachaa ture
✓Efe. 3
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁸ Warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaa wajjin dhoksaan ogummaa isaa hammam akka bal'atu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatu, hammam akka gad fagaatus hubachuu akka dandeessaniif,
¹⁹ jaalala Kristos isa safara beekumsa namaa bira darbus beektanii, guutummaa Waaqayyoo bira hamma geessamtti akka guutamtaniif nan kadhadha.
Kadhata phawulos kana keessatti wanti addatti xiyyeeffannoo guddaan itti kennamuu qabu dhugaan mul’ifame kun beekumsa namaa caalaa bal’aaf Gadi fagoo akkasumas beekumsa namaaf foonii ol ta’uu isaati.Dhugaa kana hubachuuf humni ykn jabinni waaqayyoo akka barbaachisu, beekumsi kun immoo humna akka namaaf kennu,humni sunis humna hojii keessatti mul’atu akka ta’e agarsiisuuf ergamaan kun /phawulos/ carraaqqii guddaa godheera jechuudha.
ещё
12
0
14 ноя, 13:54
🫴Wanti Kristaanummaa amantaawwan biroo irraa adda taasisu inni guddaan, ajajamuu irraa kan jalqabu utuu hin ta’in,dhugaa Jireenya barabaraa beekuu,amanuuf mirkaneeffachuu irraa kan jalqabu ta’uu isaati.Kanaafuu,ergamaan Phaawulos ergaa isaa barreessuu yeroo jalqabu,boqonnaa 1 hanga 3 keessatti wantoota beekuu fi amanuu nu barbaachisan malee,wantoota ajajamuu ykn raawwachuu qabnu irratti hin xiyyeeffanne.
🩸Boqonnaawwan sadan kun bu’uura barsiisa Kristaanummaa irratti kan xiyyeeffatan waan ta’aniif,irra deddeebinee yoo dubbisnes,kutaa wantoota dirqama hojjechuu fi raawwachuu qabnu nu ajaju irratti xiyyeeffatu hin arginu
▶️Garuu,kutaa lammaffaa fi sadaffaa, jechuunis Ef 4:1 irraa hanga 6:20"tti yeroo ilaallu,lakkoofsi tokkoon tokkoon isaa ajajootaa fi qajeelfamoota hedduu kan qabate ta’uu isaa hubanna.Akkasumas, sadarkaa jireenyaa hafuuraa ol’aanaa jiraachuu qabnu ifatti nu agarsiisa.
▶️Akkaataa barreessuu phawulos kana irraa wanti hubannu tokko jira:~ Amanaan tokko wanta Waaqayyo isaaf hojjeteefi ayyaana isaatiin bilisaan kenneef hin beekne ta'ee jennaan,sadarkaa jireenyaa olaanaaf waaqayyo itti Isa waame jiraachuu qabu sana jiraachuu hin danda’u jechuudha. 🫴Kanaafuu,beekumsi hafuuraa jireenya Kristaanaa jiraachuuf bu’uura.jechuunis, jalqaba Waaqayyo karaa Kristoos maal akka nuuf hojjete,eenyummaan keenya Kristoos keessatti maal akka ta’eefi dhaala akkamii akka arganne beekuu qabna.Sana booda beekumsa sana irratti hundaa’uun jireenya keenya qindeessuu,qajeelchuuf,ajajoota Waaqayyoo eeguu,akkasumas amantii keessatti jabaatanii dhaabachuun akka barnaachisuuf wantoota nu irraa eegaman sirriitti hubannee itti jiraanna jechuudha.
Beekumsi kunis bu’aa carraaqqii namaa kan qo'annoo sammuu fi gadi fageenya qorannoo dandeettii namaa irraa argamu miti.Haa ta'u malee,Waaqayyo ofii isaa iccitii bara baraa kan ta’e Waayee Kristoosiif eebbaawwan hafuuraa karaa Hafuura Qulqulluu,ergamootaa fi raajota isaatiin waldaa kristaanaatiif waan mul’iseef beekumsi kun argame.Mul’anni kun iccitiiwwan hedduu qorachuu fi wantoota dhokatan beekumsa fooniitiin baasanii beekuu jechuu miti.Iccitiin sun tokko qofa; innis Waaqayyo Kristoos keessatti Yihudootaa fi Ormootaa,akkasumas wantoota samii fi lafa irra jiran hunda walitti qabee tokko gochuuf yaaduu isaati.Kana malees,qulqulloota Yihudootaa fi Ormoota keessaa furaman,Hafuura Qulqulluu isa dursee kakuudhaan kennamee fi dhaala bara baraa ta’e akka hirmaatan murteesse. Waaqayyo hojii kana karaa du’aa ka’uu Yesus Kristoosiin raawwachuu jalqabe.
▶️Kutaan Efesoon boqonnaa 1 hanga 3 jiru yaada guddaa kana beeksisuudhaan jalqaba(Efesoon 1:3),achii boodas isa Waaqayyo iccitii jireenya hafuuraan guutame kana nuuf mul’iseef isa kabajuudhaan Isa galateeffachuudhaan xumurama (Efesoon 3:21).Waaqayyo hojii dinqisiisaa bara baraa dura murteesse, waggoota kuma lama dura Yesuus Kristoos keessatti raawwate,akkasumas ayyaana guddaa nuuf kenne kana ofii isaa utuu nuuf hin mul’isne ta'ee;dandeettii hubannaa sammuu namaa daangeffamaa ta’een akkamitti dhoksaa hafuuraa gadi fagoo kan beekuu dandeenya ture❓
▶️Itti aansuudhaan,Waaqayyo hojii uumamuu Biyya lafaa dura nu filachuudhaan jalqabe,dhuma baraatti wantoota samii fi lafa irra jiran hunda Kristoos Jalatti walitti qabee tokko gochuudhaan akkamitti gara guutummaa isaatti akka geessu nutti hima.Hojii kana keessatti nuti daawwattoota qofa utuu hin ta’in,hirmaattota eebbichaa ta’uu keenyas ibsa.Waaqayyo iccitii fedhii isaa nu beeksisuuf fedhii qabaachuu isaa Efesoon 1:9 irratti akkana jechuun ibsa:
✓“Waaqayyo waan isatti gaarii fakkaate karaa Kristos itti yaadee of dura kaa'atee ture ammas dhoksaan fedha isaa kun nu biratti akka beekamu godhe.”
— Efe. 1:9
▶️1~Iccitii Waaqayyoo fi mul’ata isaa
🫴Ergaan kun ergaa Phaawulos isa kaan irraa adda kan isa taasisu keessaa tokko, ergaa kadhannaan guutamee fi fuula waaqayyootti jilbeenfachuun kadhachaa barreesse ta’uu isaati.Ergamaan kun amantoota warra Ormoota keessaa dhufaniif ergaa barreessaa jiruuf, kadhannaa fi waamicha gara Waaqayyootti dhiyeessu barreeffamaan ibsa.
ещё
4
0
14 ноя, 13:54
Продолжить анализ этого канала
- История роста подписчиков
- Просмотры и охваты публикаций
- Кто упоминает канал и кого упоминает он
- Похожие каналы и подбор для рекламы
Открыть аналитику
Демо до 14 дней