Аналитика Telegram-канала
Подписчики
176
Публикаций
27
Динамика подписчиков
7 дней
30 дней
6 месяцев
Больше
11 ноя14 ноя17 ноя
Показаны последние 7 дней
Больше истории →
Охваты публикаций
19.1020.1024.1024.1026.10
2
Средний охват
4
Лучший результат
Показаны 5 публикаций — последние в канале
Больше статистики →
Упоминания
6
Упоминаний
0
Из них репостов
1
Каналов
2
Упоминаний за 90 дней
1
Из них репостов
2
Каналов за 90 дней
Последние посты
3 из 27 2 из 27https://youtu.be/gXyFxl6-R8g?si=izqGSUvariIFUpz8
ещё
1
0
26 окт, 17:14
erga taasisanii waraqittiin harkaa isaanii irraa baateefii yemmuu dubbisan;Abbaan keenya Misirroon Gabre Kiristoos jaalala Waaqa isaaf jedhee waggaa soddoma guutuuf gidiraa inni dabarse keessattuu; qe’ee abbaa isaa duratti otuu namuu hin beekin gidiraa gaddisiisaafi seenaa isaa kan laphee irraa nama boossisu harka isaatiin kan barreeffameedha.
➧Mootichi abbaan isaa mootittiin haati isaas xalayaa ilmi isaanii barreesse kana yemmuu dubbisan wanti ta’an jalaa bade boo’anii gangalatan.Wanti baay’isee nama ajaa’ibu immoo maatiin isaa haadha manaa haa taatuuf jedhanii kan isa fuusisan intalli mootii Roomaa; abbaa manaa isheetiif amanamtuu taatee waggaa soddoma guutuudhaaf mana abbaa fi haadha isaa teessee obsaan eegaa jiraachuu isheeti.Isheenis seenichi yeroo dubbifamee dhageessu akka maraachuu taate.Qaama abbaa keenyaa qulqulluu Gabre Kiristoos gara Mana Kiristaanaatti yemmuu geessan dinqiiwwaan adda addaa nama dinqisiisan;dhukkubsattota heddu irratti raawwataman.
️Galannii waaqayyoof
Haadha isa durbee maariyaamif
Ulfaata fannoo isaf Bara Baraan haa ta'uu Ameen!🙏
Eebbi fi sugni Abbaa keenya nu waliin haa ta'u 🙏
ещё
1
0
24 окт, 16:01
𝐐𝐔𝐋𝐐𝐔𝐋𝐋𝐔𝐔 𝐀𝐁𝐁𝐀𝐀 𝐆𝐀𝐁𝐑𝐄 𝐊𝐈𝐑𝐈𝐒𝐓𝐎𝐎𝐒
<><><>━━━━━⊱🌷⊰━━━━━<><><>
➧Abbaan keenya Abbaa Gabre Kiristoos; abbaan isaanii Mootii Qusxinxiniyaa Tewoodoosiyoos yoo ta.u;haati saanii immoo; Mootittii Maarkeezaa yoo jedhamtu;Wareegaan kan argatan ilma isaanii tokkicha Abbaa Gabre Kiristoos barnoota amantaa barsiisaa haala gaariidhaan kunuunsanii guddisan.Aangoo abbaa isaa dhaaluudhaan Qusxinxiniyaa akka bulchuuf waan barbaadaniif abbaa fi haati isaa yeroo inni umrii gaa’ilummaaf ga’u; intala mootii Roomaa fuusisan.Abbaa keenya garuu addunyaa kana goonkumaa tuuffachuudhaan fanno Kiristoos baachuudhaaf kan qophaa’e waan ta’eef; Camsaa 14 halkan gaafa guyyaa cidhaa sana galagala dubrummaa haadha manaa isaa kan isaas akkuma kabajetti; mana cidhaa isaaniif qofa kennameef keessaa dhokatee ba’ee;doonii yaabbatee; biyyaa fagoo deemuudhaan Mana Kiristaanaa keessatti hiyyeessota waliin walitti makamee kadhachaatii; isa kadhate sanas hiyyeessota biroof kennaa ofii isaatii kadhannaa fi laguun waggaa kudha shan guutuu isaan wajjiin jiraate.
➧Giiftiin keenya muul’attee tajaajilaa Mana Kiristaanaa tokkoof gaarummaa fi qabsuura abbaa keenyaa;Abbaa Gabre Kiristoos itti himnaan; tajaajilaan Mana Kiristaanaa sunis icciticha biyyattii hundatti jalaa labse. Misirroon Gabre Kiristoosis hojiin koo najalaa beekkame galata gatii hin qabne kana jalaa baqachuun qaba jedhanii gara biyya biraa dooniidhaan yeroo deeman eeyyama Waaqayyoo ta’ee garuu doonittii
kallattii ishee karaa qe’ee abbaa isaatti
qajeelchuun qe’ee abbaa isaa biraatti buuse.Abbaan keenyas eenyummaa isaa akkuma dhoksettii fi addunyaa Kanas hammam akka tuuffate hubachuudhaaf;qe’ee Abbaa isaa qe’ee Mootii fuulduratti hiyyeessa kadhattuu ta’ee hambaa saroota isaaniif kennan soorachaa ammas waggaa kudha shan guutuu obsaan Waaqa isaa kadhachaa qe’ee abbaa isaa fuulduratti kadhattuu ta’ee jiraate. nama hin ajaa’ibuu! Edaa kanaafi abbaan keenya qulqulluun Daawwit faarsaa isaa; Faar.D 118፥129 irratti “Dhugaa baatonnikee ajaa’ibsiisoodha;lubbuun koos isaan barbaadde”.Kan jedheef.
➧Hojjettoonni abbaa isaa illee otoo hin hafin dhidhiqaafi kosii xuraawaa irratti gatuudhaan yemmuu isa gidirsan saroonni abbaa isaa garuu madaa isaa ni harraabuuf ture.Kanas raajaan Isaayyaas;Raj.Isa 1፥3 irratti” Qotiyyoon abbaa isaa;harreenis Dallaasaa beeke;Israa’el sabni koo garuu hin beeku;hin hubatus” jedhee kan dubbate mirkanaa’e.Egaa walumaagalatti abbaan keenya misirroon Gabre Kiristoos ilma mootii dureessa kabajamaa ta’ee otuu jiruu;haa ta’u malee addunyaa kana goonkumaa tuuffachuudhaan waa’ee qulqullummaatiif godaanee kadhachaa isa kadhatee argate immoo hiyyeessota biroof laachaatii ofii isaatiif laguu/sooma fi kadhannaadhaan jabaatee woggaa soddoma guutuu qabsuuraan/ qabsoo hafuuraatiin jiraate.Dhuma irrattis Gooftaan keenya;Giiftii keenya, Ergamtoota qulqulloota hundumaa, Abbaa keenya Gabre Kiristoos dura kan jiran Raajota hundumaa,duuka bu’oota,tolootaa fi wareegamtoota
hundumaa of duuka hiriirsee dhufuudhaan waadaa hedduu erga galee fi booda;Gooftaa keenya waliin kan dhufan qulqulloonni hundumtuu kabaja guddaa fi galata guddaadhaan galateeffachaa;Gooftaan keenya lubbuu eebbifamtuu abbaa keenyaa misirroo Gabre Kiristoos Onkololeessa 14 hammannaa isaatiin olbaaseera.
➧Angafti Phaaphaasii Qusxinxiyaa Abbaa Tewoofiloos sirna Qiddaasee irra otuu jiranii mana mootii deemanii; qaama Abbaa keenyaa Gebre Kiristos isa boqate akka fidaniif sagaleen Waaqayyoo samii irraa ajajaan dhufeefii deemanii yemmuu ilaalan; Abbaan keenya Gabre Kiristoos qe‘ee Mootii, abbaa isaatti utuu namniyyuu hin beekiin waggaa kudha shaniif jiraatanii achumatti boqotanii argaman.Harka abbaa keenyaa keessatti waraqaa maramee barreeffame tokko waan arganiif fuudhanii dubbisuuf yemmuu jedhan harka isaanii keessaa ba’uufii didde.Booda irra kadhannaa baay’ee
ещё
1
0
24 окт, 16:01
Продолжить анализ этого канала
- История роста подписчиков
- Просмотры и охваты публикаций
- Кто упоминает канал и кого упоминает он
- Похожие каналы и подбор для рекламы
Открыть аналитику
Демо до 14 дней