Не попадитесь на накрученные каналы! Узнайте, не накручивает ли канал просмотры или подписчиков Проверить канал на накрутку
Прикрепить Телеграм-аккаунт Прикрепить Телеграм-аккаунт

Телеграм канал «The Growth - Channel»

The Growth - Channel
100
0
18
13
0
👉Kitaabota garagaraa PDF n
👉Jechoota Gootota Oromoo
Wareegamtootaa,
Qabsaa'otaa,
Artistoota Oromoo barree wal barsiifnuudhaaf!!!
Подписчики
Всего
2 952
Сегодня
0
Просмотров на пост
Всего
145
ER
Общий
4.91%
Динамика публикаций
Telemetr - сервис глубокой аналитики
телеграм-каналов
Получите подробную информацию о каждом канале
Отберите самые эффективные каналы для
рекламных размещений, по приросту подписчиков,
ER, количеству просмотров на пост и другим метрикам
Анализируйте рекламные посты
и креативы
Узнайте какие посты лучше сработали,
а какие хуже, даже если их давно удалили
Оценивайте эффективность тематики и контента
Узнайте, какую тематику лучше не рекламировать
на канале, а какая зайдет на ура
Попробовать бесплатно
Показано 7 из 100 постов
Смотреть все посты
Пост от 14.10.2026 08:57
15
0
0
Tisiisa tokkotu bokkan itti roobee dhaamonnaan gaafa Sangaa guddaa tokkorra teessee yeroo dheeraaf aduu hoo'ifataa turte. Dhaamonnaan erga ishee gadhiisee booda gara gurra sangichaatti siqxee, "Nan gadda, amma si dhiisee deemuu kiyya" ittiin jette. Sangichis," Yeroo qubattu natti hin dhagahamne, yoo kaatee deemtus waan natti dhagahamu natti hin fakkaatu" jedhee deebiseef. Jireenya nama maraa keessa waantonni jiraachuun isaanii nama hin fayyadne, deemuun isaaniis nama hin miine danuutu jira. Rakkinni guddoon adda baasanii laaluu dhabuudha.

Fayyaa,nagaa fi qarshii hin dhabinaa!
Пост от 14.10.2026 08:46
19
0
0
#Of-ta'i!
Yeroo tokko harreetu gogaa Leencaa argatee fayyaa isaatti uffate. Hardha eenyuyyuu xiqqeessee na hin ilaalu jedhee gara hoomaa yeyii deeme. Yeyiin Leenci nutti dhufe jedhanii addaan faca'anii baqatanii badan.

Harreen gocha isaa kanatti akkaan gammadee gara harree diidaa deeme. Harreen diidaas naasuudhaan baqatanii deeman. Hardha dubbiin naaf tolte jedhaa ammas gara Hoomaa Majaatti yeroo fiigu, Majaanis sodaadhaan yuusaa bakka sanaa dhabaman.

Harreen amma gammachuudhaan waan godhuuf waan dhiisu wallaale. Gammachuun isaa daangaa darbe. Maal gochuun qaba jedhee yaade. Gammachuu koo al tokko iyyaan ibsachuun qaba jedhee murteesse. Iyya isaa eegale. Yeroo inni iyya isaa wal keessaa fuudhu,majaan shakkee mee waan kana adda haa baasnu jedhee, yeroo inni of irra deebi'u harreedha. Akkanaadaa jedhanii wal harakatti qabanii achumatti qircatanii fixan.
:::::::::::::::

Eenyummaa sobaatiin fagoo deemuun hin danda'amu. Yeroo waan hunda harka galfadheera jedhanii yaadan kan inni akka daaraa boff jedhee bade argu. Eenyummaan sobaa miidiyaa hawaasummaa irratti ijaarre,suufiin qaama qofa uffisne,koofiyyaan mataa keessi duwwaatti kaa'ame,gaafa eenyummaan inni dhugaa muldhate deebi'ee nama saalfachiisa.

"Yeroon hundumaa adda baasa, Wanti of ta'uu fakkaatu hin jiru".
Пост от 14.10.2026 08:41
7
0
0
Raachi tokko suuta jettee bishaan guutame keessa galtii. Bishaan sun suuta suutaan oo'uu jalqaba. Bishaanichi yoo oo'us raachi sun oo'a qaama ishee bishaanicha wajjin wal simsiisuuf jecha sodaa fi miira homaatuu hin agarsiiftu.

​Bishaanichi danfuuf oo'aa yoo deemu, raachi sun ammas oo'a haaraa sana wajjin wal baruudhaaf carraaqqii goti. Dhumarratti bishaanichi baay'ee danfuu isaatiin kan ka'e, raachi sun bishaan sana keessaa utaaltee ba'uuf yaalti. Garuu humna ishee mara qaama ishee oo'a sana wajjin wal simsiisuu irratti fixattee waan turteef, humna utaaltee ba'uu dhabuun bishaan danfaa sana keessatti du'ti.
​​Raacha sana kan ajjeese bishaanicha hoo'ee san miti; yeroo keessaa ba'uu qabdutti bishaanicha wajjin wal baruuf jettee humna ishee xumuruu isheeti.
Nu'is jireenya keenya keessatti haalli,oolmaa fi hojiin jireenya keenya fulduratti hin bunne osoma beeknuu, garuu bor_Iftan osoma jennuu wal barra.
Achiin booda inni nuuf comfortable zone keenya ta'a.
Dhuma irratti keessaa bahuu dadhabuun dhuma keenya ta'a
Пост от 14.10.2026 08:38
7
0
0
#Egocentrism beektuu?😃

Gurbaan Nikatehilina NK jedhamu kun amala isaa waanan jaalladhu keessaa tokko, Ego isa uumata Itoophiyaa ajjeessee fixe of keessa ajjeesu isaati! Waliin dubbii inni media irratti godhe keessaa waanan baay’ee jaalladhe kana isiniif qooda, warri dubbisuun guutuu nama godha jettanii amantan dubbisaa!

Gaasixessituu tokkotu namicha #nikhatehilina jedhamuu, kan MMA 1st Ethiopia ta’e, (leenca caaqqaa boongaa) gaaffii gaafatte. “Gosa konkolaataa kam jaallatta?” jettee yeroo gaafattu, “BYD Shark” jedhee deebiseef. Sana booda, “Halluun ykn colour akkamii jaallatta?” jettee gaafatte. Innis, “Green jaalladha” jedhee deebise. Isheenis, “Green ni bareedaa moo?” jettee itti deebiste itti kofalte; namoonni baayeenis filannoo nikhatehilina kana media irratti itti kolfaa turan. 😃

Hubadhaa, kun #Egocentrism jedhama —namni danuun waan ofii isaa jaallate, namni biraas akkuma isaa akka jaallatu, akkuma isaa filachuu fi akkuma isaatti miira wal fakkaataa qabaachuu qaba jedhee yaaduudha. Namni egocentric ta’e yeroo baay’ee #perspective nama biraa irraa waan ilaaluuf ni rakkata. “Ani akkan yaadu kana, atiis akkasuma yaaduu qabda” jedha. Yeroon akkas jedhu yoo xiqqaate namni lama sadii sammuu keetti ni dhufa!

Namoonni baay’een waan tokko isaanitti hin tolle taanaan, “waan kun sirrii miti” ykn “namni hundi kana hin jaallatu” jedhanii murteessu. Nama foon hin nyaanne yoo ilaaltu, yeroo tokko tokko foon namni biraa nyaatu, isaaf akka waan hamaa (summii) fakkaata. Namni tokko buna hin dhugu taanaan, “Ati maaliif buna hin dhugdaa? Shaayii dhugi” jedha. 😃rakkoon Kun hundi yeroo tokko tokko personal preference fi universal truth walitti makuu irraa dhufa.

Ofii isaaf Jeans uffata taanaan, namni biraan yoo #suufii uffate “kun si irraa hin bareedu” jedhanii murteessu. Isaan biratti waan isaan jaallatan standard ta’a; waan isaan hin jaallanne immoo “bad taste” ta’a. Garuu taste is personal. Wanti ati jaallattu nama biraatti hin jaallatamne ta’uu danda’a; wanti ati hin jaallanne immoo nama biraaf waan jireenya isaa keessatti baay’ee barbaachisaa ta’uu danda’a.

Fakkeenyaaf, ati #iPhone jaallatta; namni biraa #Samsung jaallata. Ati “iPhone qofatu phone gaarii” jetta. Inni immoo “Samsung qofatu gaarii” jedha. Dhugaan jiru garuu, filannoon isaanii personal choice dha. Rakkoon kan dhufu yeroo ati filannoo kee nama biraatti force gootuudha. “Ati waan ani jaalladhu jaallachuu qabda” jechuun bilisummaa yaadaa nama biraa daangessuu dha.

Hariiroo keessattis #egocentrism rakkoo guddaa uuma. Namni tokko “Ani yeroo ati naaf bilbiltu nan jaalladha, kanaaf ati yeroo hunda naaf bilbili” jedha. Garuu “Namni kun maal barbaade? Yeroo ammaa maal keessa jira?” jedhee hin yaadu.yoom illee ha tahu Healthy relationship keessatti namoonni lama fedhii, yaada, emotion fi boundaries adda addaa qabaachuu akka danda’an hubachuun barbaachisaadha.

Maatii keessatti illee kana ni argina. Abbaa ykn haati waan isaan jaallatan ijoolleen isaanii akka jaallatan dirqisiisu. “Ani accounting baradheera, atis accounting barachuu qabda.” “Ani hojii kana nan jaalladha, atis kana hojjechuu qabda.” Garuu ijoolleen sun individual identity fi personal ambition mataa isaanii qabu. Guddinni nama tokkoo, nama biraa fakkaachuun dirqama miti.

Hojii fi business keessattis ego nama tokkoo guddina isaa gufachiisuu danda’a. Namni tokko yaada isaa qofatu sirrii jedhee yoo amane, feedback nama biraa hin dhaggeeffatu. Dogoggora isaa yoo itti himan ni aara; gorsa yoo kennaniif akka diinummaatti ilaala. Namni growth mindset qabu garuu, “Maybe I’m wrong” jechuu danda’a. Kun mallattoo dadhabinaa osoo hin taane, mallattoo maturity fi self-awareness ti.

Kanaaf, #hubadhaa: jireenya keenya keessatti waan namni biraa jiraatu jiraachuu, waan inni filatu filachuu, waan inni nyaatu nyaachuu fi waan inni dhugu dhuguu yoo barbaadne, individuality keenya dhabuu jalqabna. Namni hundi akka kee ta’uu hin qabu. Ati green jaallachuu dandeessa; inni red jaallachuu danda’a. Ati BYD jaallachuu dandeessa; inni Toyota jaallachuu danda’a. Ati foon jaallachuu dandeessa; inni burger filata ta’uu danda’a.
Пост от 14.10.2026 08:29
10
0
0
“NO JEDHI!”
Jechi no jettu qofti gaaftokko namoota miliyeenota rakkoo keessaa baafte.Taphataan beekamaan WWE (World Wrestling Entertainment)Professional ta'e John cenan "no" hanga dhumaatti jechuudhaan dorgommicha injifate...Waan yaadduu kamuu keessaa bahi lafa waci hin jirretti barreeffama kana dubbisi jireenyakee keessatti tarkaanfii jabaa tokko tarkaanfatta.

Wal’aansoo wal reebichaa hanga lubbuu wal ajjeesuutti deemu kanatti yeroo seenan rukuttaa gurguddaatu jira, namni wal'ansocha irratti du’uu danda'a.

#Joonsiinaan dorgommii kana irratti nama jabaa professional ta'edha
Guyyaa tokko dorgommii jabaa yoo injifatte maallaqa baay’ee gara qarshii biyya kanaatti mil 100 ol ta'u yoo dorgommicha injifattte kan fudhattu tokko utuu dorgomaa jitu haala ulfaataa tokkotu isa mudatee ture.

John cenan dorgommii kanatti yeroo seenu akka inni cima ta'e waan beekaniif namoonni dorgoman 4 ta'anii john cena qofa loluuf dorgommicha boxing fi kanneen biroodhaan kuffisanii tumuu eegalan.Akka walii galanitti 4 tahanii yoo mo’an maallaqa kana hin qooddatu.

John cenan jabaadha toofta beeka ispoortii irratti ga'umsa jabaa qaba dorgomtoonni kun garuu 4 itti ta'an.Utuma inni itti jabaatu isa dhumaa sansalataan harka isaa lamaan hidhanii fannisanii tuman. Akka Seera dorgommii WWE tti yoo sitti cime abbaa murtii waammattee nama taphachiisaa jiruun nan dadhabee,nan miidhame harkakootu na cabe yookan miillakoo maallaqicha inni haa fudhatu yoo jette hin dandeessa.

Kanaaf jedhee abbaan murtichaa amma amma dhufee rakkoo qabdaa? Jedhee John cena gaafata john cenan utuma rakkoo qabuu , utuma dhukkubuu "No" jedhee deebisaaf.Takka jedhee ammas fiigee dhufee rakkoo qabdaa?dadhabdeettaa reebicha kana jedhaan! Joonsiinaan ammas"No" jedhaan yoo inni yes jedhee abdii nama baay’eetu jalaa harca’akaa.yeroo no jedhu kana dhiigaaf fuulli isaa hin mul'atu ,reebichaan dhaqni isaa caccabee dhumeera,garuu abjuu jabaa tokkoof waadaa jabaa tokkon dorgommichatti seene.

Bakki inni itti dhalate uummata hiyyeessa baadiyyaa bishaan corroqa lagaa dhugu,uummata waan nyaatu hin qabne,uummata mana qorichaa hin qabne dukkanaaf rakkina keessa jiraatu sanaan yoon dorgommicha injifadhe bishaan qulqulluu dhugdu, na abdadhaa waan jedheefi malee dhukkubhichi,reebichichi waan jala dhaabatan miti.

Dhuma irra warri 4 ta'anii reeban harki dhukkubnaan dadhabanii ta'an. Joonsiinaan sansalaticha keessa harka tokko baafatee sansalatichuma harka isaatti maratee nama 4 boxidhaan adda adda irra humnaan rurrukutee kukkufaniib of wallaalan ammanatti abbaan murtii fiishkaa afuufe kan mo'e joonsiinaa ta’e maallaqii guddaan sun harka joonsiinaa gale.

Dhuma irratti joonsiinaaf af -gaaffiii dhiyaate irratti gaazixeessitoonni joonsiinaadhaan akkamitti amma kana utuu rukutamtuu yeroo daanyaan dhufee rakkoo qabdaa? Sin jedhu "No" jetta? jennaan na dhukkubuu hin dhiifne na dhiiguu hin dhiifne,nan ciniinnadhe yeroo isaan na rukutan an waa'ee uummatakoo warra bishaan booruu dhuganin yaada,yoon yes na dhukkubeera jedhe daanyan mo'icha isaaniif kenna uummati sun bishaan booruu dhuguutti,hospitaalaa dhabee manatti du'uu keessatti hafa kanaaf no jedhee amma dhumaatti ijjibbadhe malee na dhukkubeera jedhe.

Ani yeroon rukutamu rakkoo uummata naannokoon yaada malee isa isaan na rukutan miti, amma kunoo reebichicha hunda darbee injifadhee uummatan keessaa dhaladheefan hospitaala ittin dhaaba,bishaanin ittin hojjedhaaf.No hin mo’amu jechin jedhe yerosii maallaqa ta'e uummatakoo rakkoo keessaa baase jedhe.

Mee waan si ajaja akkuma dubbisaa jirtutti gara jireenyakeetti deebi'i! haalonni si marsanii jiran dukkana mitii? fuulduratti adeemuuf akka dhagaa jabaata mitii? duubatti deebi'uuf allayyaa dukkanaati mitii? homaa miti kana hundumaa keessa darbanii iddoo gaarii tokko gahu.Adeemsichumatu kana qaba yes nan dadhabe hin jedhin No hin dadhabne ittin Fufa jedhii lapheekee jabeessi.
Пост от 13.10.2026 16:08
21
0
0
telemetr.me/LearnDrive7
Пост от 13.10.2026 16:08
24
0
0
telemetr.me/LearnDrive7
Смотреть все посты