Аналитика Telegram-канала
Подписчики
247
Охват за 24 ч
24
ER за 24 ч
9,72%
Публикаций
368

Динамика подписчиков

7 дней 30 дней 6 месяцев Больше
15 ноя18 ноя21 ноя
Показаны последние 7 дней Больше истории →

Охваты публикаций

06.1106.1115.1115.1121.1121.11
9
Средний охват
14
Лучший результат
Показаны 6 публикаций — последние в канале Больше статистики →

Упоминания

20
Упоминаний
19
Из них репостов
19
Каналов
Нет примеров за последние 90 дней
Все упоминания

Последние посты

3 из 368 2 из 368
Фото
ещё
2 0 21 ноя, 05:01
MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU WAAQA TOKKOO AMEEN SADAASA 12 HANGAFA ERGAMOOTAA QULQULLUU MIKAA'EELII Mikaa’eel jechuun jecha Ibraa’istii yemmuu ta’u hiiknisaa መኑ ከመ አምላክ Kan akka Waaqayyo eenyu jechuudha. Ergamaan kun Yohaannis mul’ata isaa irratti “Fuuldura Waaqayyo kan dhaabbatan Ergamoota torban arge” jedhee kan dubbate keessatti kan ramadamuufi hangafa ergamootaa ta’ees kan muudamedha. Waaqayyo hangafa ergamoota taasisee kan ture diinni keenya har’aa oftullummaa isaatiin yeroo kufu Qulqulluun Mikaa’elii immoo gad of qabummaa fi amanamummaa isaatiin hangafa ergamoota kumaatamaa ta’e. Waa’ee ergamaa kanaa kitaabni qulqulluun keenya jalqaba kakuu moofaa irraa kaasee hanga xumura mul’ata Yohaannisitti waantota baay’ee nu dubbisiisa. Abbootni keenya kitaaba Qulqulluu yeroo hiikan bakka baay’eetti ergamaan Waaqayyoo abaluutti, abaluutti,… mul’ate jedhamee kan jiru Ergamaa Qulqulluu Mikaa’elii akka ta’e ibsaniiru. Bara seera laphee irraa kaasee amma bara keenyaatti mul’atee raajiiwwaan baay’ee raawwateera, har’as raawwachaa jira, gara fuuldurattis akkasuma hanga dhufaatii lammeffatti aangoo Waaqayyo isaaf kenneen ni raawwata. Ergamaan Qulqulluu Mikaa'eelii 1) Ergamaa Dhiifamaati (dhiifama kan taasisu, dheekkamsa irraa kan fagaate Qulqulluu Mikaa’elidha. Heenok 10: 12). Sirni Qulqulleessa keenyalle akkasuma jedha. (ተውህቦ ምህረት ለሚካኤል... dhiifama Mikaa’eliif kenne….). 2) Ergamaa Diyaabiloosin mohatedha. (samiirratti lolli ni ta’e. Mikaa’elii fi ergamtoonnisaa jawwicha waraanan; jawwichis ergamoota walii wal waraane; garuu isaan hin dandeenye. Mul 12:7) 3)Ergamaa aangoo fayyisummaa qabudha. Karoora fi qorumsa diina keenya jalaa nu fayyisa jechuudha. (Ergamaan Waaqayyo naannoo namoota Waaqayyoon sodaatanii ni buufata, isaanis ni fayyisa Far 33:7). Afoomiyaa akka fakkenyaatti yaadachuun ni danda’ama. 4)Ergamaa Obsa qabeessadha. (hangafni ergamoota Mikaa’eliin waa’ee foon Muuseef diyaabiloos waliin yeroo dubbate, Gooftaan si haa hifatu jedhee malee jecha arrabsoo dubbachuuf illee ija hin jabaanne). Gooftaan keenya fannoo irratti yeroo fannifamus fannoo jala dhaabbatee obsa isaatiin waan tokkoyyu raawwachuuf hin dubbanne. 5)Yeroo dhufaatii 2ffaa Ergamaa Malakata Hafuufudha. (… sagaleen hangafa ergamootaa ni dhagahama… 1Tas 4:16) 6)Ergamaa_Cubbuu_Dhala_Namaaf Kadhatudha. (Bara sanatti waa’ee dhala namaaf kan dhaabbatu Mikaa’eliin ni ka’a… Dan 12:1). 7) Ergamaa Jajjaabeessaadha. (Mikaa’eliiti alatti kan na jajjabeessu hin jiru. Dan 10:21) Walumaagalatti Qulqulluun Mikaa’elii saboota Israa’el dursee Gibtsiiti hanga Kana’aanitti kan isaan geggeesse, Billaa qabatee Iyyaasuutti mul’achuun Iyyaasuun kan sagadeef (Iya 5:13), akkasumallee yeroo nuti gaabbii gallee gara namummaa keenyaatti deebinu fayyuu lubbuu keenyaaf kan gammaadudha. Egaa guyyaa har’a sadaasa 12 manni kiristaanaa keenya ayyaanaa ergamaa kanaa jettee kabajji. Guyyaan kun guyyaa yaadannoo Ergamaan kun diina keenya guyyaa har’aa fi maqaansaa duraa seexanaa’el kan jedhame mo’atee muudame, yaadannoo inni saboota Israa’el duumessan isaan uwwisee, halkan duumessaa ifaan isaan geggeessee biyyaa dhaala isaanii isaan galche, akkasumas bara Iyyaasuus loltuu fakkaatee Iyyaasuutti mul’achuu isaa kan itti yaadannu fi kabajnudha. Abbootni keenya Kiristaanni kamiyyu jiini seenee gaafa guyyaa 12 yaadannoo ergamaa kana akka taasisnu, kan hin dandeenye immoo Sadaasa 12, waxabajjii 12, Adoolessaa 12 fi muddee 12 akka yaadaatnu nu ajajaniiru. Kanneen keessa sadaasni 12 garuu guyyaa inni muudame ta’uusaatiin ayyanota warren kaan kan caaludha. Eebbi kadhannaa fi eegumsi hangafa ergamootaa Qulqulluu Mikaaelii hunduma keenya waliin haa tahu Galanni Waaqayyof
ещё
7 0 21 ноя, 05:01
Фото
ещё
12 0 15 ноя, 21:14
Больше постов

Продолжить анализ этого канала

  • История роста подписчиков
  • Просмотры и охваты публикаций
  • Кто упоминает канал и кого упоминает он
  • Похожие каналы и подбор для рекламы
Открыть аналитику
Демо до 14 дней