Waamicha Qormaata Barreeffamaa fi Afeerraa Yaada Uummataa
------------------------------
(Onkoloolessa 10,2019 MMWO, Caffee Araaraa, Finfinnee)-Dorgomtoonni Gita Hojii Gargaaraa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa calallii jalqabaa dabartan (kan maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame) qormaata barreeffamaaf akka dhiyaattan waan murtaa'eef gaafa 14/2/2019 (sanbata xiqqaa) ganama sa'aatii 2:30 irratti magaalaa Adaamaatti argamuun qormaata barreeffamaa akka fudhattan beeksisaa, kutaa qoramaataa seerota fuudhanii seenuun kan danda'amu ta'uu ni hubachiifna.Hub- 1. Galma qormaanni itti kennamu kan isin beeksifnu ta'a. 2. Kutaa qormaataa bilbila harkaa fi kompiyutaroota fuudhanii seenuun hin danda'amu. Gama birootiin dorgomtoonni ulaagaa bu'uuraa hin guunne qormaataaf kan hin waamamne ta'uu ibsaa,Dorgomtoonni maqaan keessan lakk. 11,68,72,76,124,152,182,226,227,260,263,289 fi 304 irratti barreeffame ragaa barnootaa kutaa 8 orijnaala isaa qabattanii akka dhiyaattan,dorgomtoonni maqaan keessan lakk.20,37,254,264, fi 295 irratti caqasame 'student copy' LLB orijinaala qabattanii akka dhiyaattan,dorgomtoonni lakk.194,219,250,265 fi 324 irratti maqaan keessan caqasame ragaa waajjira poolisii irraa yakka irraa bilisa ta'uu keessan ibsu qabattanii akka dhiyaattan ni hubachiifna.Qormaanni afaaniis gaafa 15/2/2019 itti fufee waan kennamuuf bu'uura kanaan akka of qopheessitan ni beeksifna.
------------------------------------
Hawaasni keenyas naamusa dorgomtoota kanaa irratti yaada qabu toora FB kana irratti karaa keessoo 'inbox' akka gootan,bilbila 0903571457 irratti ergaa Akka barreessitan,qaamaan dhufuu kan dandeessan Waajjira Gumii MMWO Magaalaa Finfinnee Caffee Araaraatti argamutti qaaman argamuun yaada kennuu kan dandeessan ta'uu ni beeksifna.