Аналитика Telegram-канала
Подписчики
272
Публикаций
22

Динамика подписчиков

7 дней 30 дней 6 месяцев Больше
24 окт27 окт30 окт
Показаны последние 7 дней Больше истории →

Охваты публикаций

13.1013.1015.1018.1018.1019.10
9
Средний охват
21
Лучший результат
Показаны 6 публикаций — последние в канале Больше статистики →

Упоминания

6
Упоминаний
1
Из них репостов
2
Каналов
Все упоминания

Последние посты

3 из 22 2 из 22
KAARDII QARSHII 1000 GADHIISUUF DAQIIQAA 9 QOFAATU HAFE ITTI HIRMAADHAA👇🏿👇🏿👇🏿
ещё
4 0 19 окт, 19:38
NAMOONNI HEDDUUN GUYYAA KADHANNAA MALEE GUYYAA GALATAA HIN QABAN. 🫴1Tas. 5:18 Waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa! Waaqayyo karaa Yesus Kristos kana gochuu keessan in fedha. Waaqayyoon galateeffachuuf Uumamuukee hin dagatin! Namoonni heedduun Guyyaa Kadhannaa malee Guyyaa Galataa hin qaban. Ati garuu Waaqayyoon galateeffadhu sababni isaas, ati isaaf uumamte. 🙏 Waan qabduuf galateeffadhu! Waan hin qabne irratti xiyyeeffattee waan qabdu dagachuu hin qabdu. Wanti xiqqoon har’a qabdu, nama biraatiif abjuu ta’uu danda’a. Waan Waaqayyo siif kenneef isa galateeffadhu. Gaarummaa Waaqayyoo siif godhe yaadadhu! Yeroo darbe keessa rakkoolee akkamii keessa akka dabartee fi har’a eessa akka geesse yaadi. Waan hundumaa keessatti harka Waaqayyoo yaadachuun garaa kee Guutuu isa jajadhu. Waaqayyoon Galateeffachuu kee haala jireenyaa irratti hin hundeessin! Waan hundi akkuma barbaadde yoo ta’e qofa galateeffachuu hin qabdu. Yeroo gammachuu fi yeroo rakkinaas Waaqayyoon amanachuun galata kee itti fufuu qabda. Galataan moo'ichatu argama! Yeroo waan dhabde qofa lakkooftu, garaan kee dhiphataadha. Sammuun kees boqonnaa hin qabaatu. Garuu waan argatte yaadachuun galateeffachuun jireenya kee keessatti gammachuu fi tasgabbii siif laata moo'icha guddaas argatta. Galata keen namoota biroofis fakkeenya ta'i i! Waan Waaqayyo siif godhe afaaniin qofa osoo hin taane, jireenya keetiin mul'isi. Namoonni si ilaalan, haala jireenyaa kee keessatti galateeffachuu akka danda’an sirraa haa baratan namootaaf fakkeenya gaarii ta'i. Uumama kee fi jireenya keetiif Uumaa kee galateeffadhu! Ati jireenya kee keessatti kaayyoo qabda. Kanaaf, yeroo hunda waa argachuuf kadhachuu qofa osoo hin taane, waan siif kennameef galateeffadhu. Waaqayyoon galateeffachuun mallattoo garaa isa yaadatuu fi isa amanatu qabaachuuti. Kadhachuun waan barbaaddu Waaqayyon gaafachuu dha. Galateeffachuun immoo waan inni siif godhe beekuu fi dinqisiifachuu dha. @Solomon_bulti ✍️ @Kakuu_Haaraa1
ещё
21 0 18 окт, 22:08
Waaqayyoo himata warra gadadamoo nii dhaga'a garaa isaanis ni ilaala! Far. 10 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹ Yaa Waaqayyo, ati maaliif achi fagaattee dhaabatta? Yeroo rakkinaattis maaliif of dhoksita? ² Warri jal’oonni of bokoksanii warra rakkatoo sardanii in ari’u; isaan yaada namatti qopheessanii fidaniin ofii isaaniitii haa qabaman. 💥Warri jalloonni kiyyoo isaanii warra rakkoon miidheef in qopheessu rakkinni namoota rakkina keessa jiranii kiyyoo jallootaan gadadamni itti dabaalama. ³ Namni jal’aan kajeellaa garaa isaa tiin of in jaja, inni bu’aa argachuuf in saama iyyuu dha; in abaara, Waaqayyoonis in tuffata. 💥. Jallaan saamee duroomee kajjeellaa garaa isaatiin of jaju, kan abaaru, bu'aa karaa jallinaan kan walitti qabatu inni Waaqayyoon in morma waaqayyoon in tuffata. ⁴ Namni jal’aan of koorsuu isaa tiin yaada isaa guutuu dhaan, “Waaqayyo nama hin adabu, Waaqayyo hin jiru” in jedha. ⁵ Karaan isaa yeroo hundumaatti wal in qixxaataaf, firdiin kee isa irraa ol fagoo dha, warra isaan mormanitti immoo tuffii dhaan itti in qummaada; ⁶ inni garaa isaatti, “Ani matumaa hin mittiqu, dhaloota hundumaa keessattis wanti hamaan ana hin argatu” jedhee in yaada. ⁷ Dubbii afaan isaa keessaa ba’u keessa, abaarsa, wallaalchisa, gad nama qabutu guute; arraba isaa jala jal’inaa fi hamminatu jira. ⁸ Gandeen keessa riphee in taa’a, iddoo dhokannaatti immoo warra yakka hin qabne in ajjeesa, ija isaatiinis warra rakkatanii of gargaaruu dadhaban in gaada. ⁹ Inni akka leenca caakkaa gobbuu keessaatti, dhokatee in eeggata; inni nama rakkataa qabaa isaa keessa galfachuudhaaf in eeggata; kiyyoo isaa tiin harkisees isa rakkataa sana in qabata. ¹⁰ Inni rakkatee of gargaaruu dadhabe sunis caccabee walitti in gala, humna harka isa qabe sanaanis in kuffifama. ¹¹ Yommus namni jal’aan sun garaa isaa keessatti, “Waaqayyo isa irraanfateera, fuula isaas isa duraa dhokseera, deebi’ees matumaa isa hin argu” jedhee in yaada. ¹² Ka’i yaa Waaqayyo, yaa gooftaa harka ol fudhadhu! Warra rakkatan hin irraanfatin! 🫴. Arki Waaqayyoo Warra jallinaan gad-si qaban gad-qabee irra si dabarsa arki arka dadhabootaa qabu arka Waaqayyoo dha 💪. “Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne" jedhe.” — HoE. 4:12 Kanaafuu arki Waaqayyoo karaa Fayyisaa keenya Yesuus Kirisitoos hundumaaf inta'@ ¹³ Inni jal’aan maaliif Waaqayyoon tuffata? Maaliifis garaa isaatti, “Ati nama hin adabdu” siin jedha ree? ¹⁴ Atoo in argita, eyyee, ati rakkinaa fi gadda in caqasta, waan gochuun ta'us ati harka keetti qabatteetta; inni rakkatee of gargaaruu dadhabes kana sitti in kennata; ati gargaaraa warra abbaan irra hin jirree taateetta. ¹⁵ Ati irree isa jal’aa fi irree isa hamaa godhuu cabsi, jal’ina isaa duukaa bu’ii adabi, deebi’ees akka inni hin argamne godhi! ¹⁶ Waaqayyo yeroo hundumaa, baruma-baraanis mootii dha, sabni warri kan isaa hin ta’in biyya isaa irraa in badu. ¹⁷ Yaa Waaqayyo, ati himata warra gadadamoo in dhageessa, garaa isaanii in jajjabeessita, gurra kees gara isaaniitti in qabda; 💫. Waaqayyoo iyyannoo warra gadadamni itti ulfaate. Warra jallinaan gad-qabaman iyyannoo isaanii nii dhagaa'a rakkoo isaanis in fura. "Utuma gungumtuun gungumtuu milkoofta! H.W Hundumaa. 🥰. Waaqayyoo himata warra gadadamoo nii dhaga'a garaa isaanis ni ilaala! 👉Waaqayyoo si arga! @Kakuu_Haaraa1 @Solomoonbultii @Danoomaa ╔════════════════╗ ║  @Kakuu_Haaraa1║ ■■■■■ ╚════════════════╝
ещё
3 0 1 18 окт, 15:14
Больше постов

Продолжить анализ этого канала

  • История роста подписчиков
  • Просмотры и охваты публикаций
  • Кто упоминает канал и кого упоминает он
  • Похожие каналы и подбор для рекламы
Открыть аналитику
Демо до 14 дней