Аналитика Telegram-канала
Подписчики
4 271
Охват за 24 ч
29
ER за 24 ч
0,68%
Публикаций
1 465

Динамика подписчиков

7 дней 30 дней 6 месяцев Больше
26 окт29 окт1 ноя
Показаны последние 7 дней Больше истории →

Охваты публикаций

16.1016.1026.1026.1030.1030.10
4
Средний охват
7
Лучший результат
Показаны 6 публикаций — последние в канале Больше статистики →

Упоминания

28
Упоминаний
11
Из них репостов
11
Каналов
Все упоминания

Последние посты

3 из 1 465 2 из 1 465
Binance Hack Ta’e: Seenaa Keessatti Saamichi 'Crypto' Inni Guddaan Raawwatame! Dhaabbanni 'Binance' Doolaara Biiliyoona 6.3 Saamame; Gabaan Addunyaas Raafame! Dhaabbanni jijjiirraa maallaqa dijitaalaa (Cryptocurrency exchange) addunyaa irratti sadarkaa duraa irra jiru 'Binance', haleellaa saayibarii Kamisa kaleessaa irratti raawwatameen qabeenyi Doolaara Ameerikaa biiliyoona 6.3tti tilmaamamu irraa saamamuu mirkaneesse. Saamichi kun seenaa maallaqa dijitaalaa addunyaa keessatti isa guddaa fi rikoordii haaraa kan cabse yoo ta'u, dhaabbatichi hanga rakkinni nageenyaa kun guutummaatti furamutti tajaajila maallaqa baasuu (withdrawals) yeroof dhaabee jira. Haa ta'u malee, Hooggantuu Waloo (Co-CEO) dhaabbatichaa kan ta'an Yi He maallaqni maamiltootaa hundi eegamaa ta'uu fi kasaaraa haleellaa kanaan ga'e hunda 'Binance' ofii isaatii kan bakka buus ta'uu beeksisaniiru. Qorannoon jalqabaa dhaabbatichi gaggeesse akka mul'isutti, haleellaan kun kan raawwatame kompiitara (laptop) injiinara 'DevOps' dhaabbatichaa tokko cabsuudhaan yoo ta'u, saamtonni kun teeknooloojii 'Ethereum EIP-7702' jedhamu fayyadamuun kuusaa maallaqaa (wallets) gurguddoo 'Binance 14' fi 'Binance 16' jedhaman keessaa 'ETH' 204,500 ol fi maallaqoota biroo gara herrega dhuunfaa isaaniitti naannessaniiru. Haleellaa kana hordofuun tarkaanfii ariifachiisaa fudhatameen, maallaqa saamame keessaa walakkaatti kan dhiyaatu ykn Doolaara biiliyoona 3 ($3 Billion) kan ta'u battalumatti akka ugguramu taasifameera. Kanneen keessaa dhaabbanni 'Tether' Doolaara biiliyoona 1.567 (USDT), dhaabbanni 'Circle' Doolaara miiliyoona 800 ol (USDC), dhaabbanni 'Ripple' Doolaara miiliyoona 200, akkasumas dhaabbanni Pireezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampii fi maatii isaanii waliin hidhata qabu 'World Liberty Financial' Doolaara miiliyoona 29 akka hin sochoone ugguraniiru. Ogeeyyiin nageenya 'Blockchain' beekamoon kanneen akka 'ZachXBT', 'Blockaid' fi 'TRM Labs' qorannoo taasisaniin, haleellaa suukkaneessaa kana duuba gareen saamtota saayibarii Kooriyaa Kaabaa kan 'TraderTraitor' jedhamu akka jiru eeraniiru; gareen kun bara 2025 keessas dhaabbata 'Bybit' irraa Doolaara biiliyoona 1.5 saamuun rikoordii qabatee ture. Oduun saamicha kanaa dhaga'amuu hordofee gabaan 'Crypto' addunyaa battalumatti kan raafame yoo ta'u, gatiin Bitkoyinii (Bitcoin) sa'aatii 24 keessatti dhibbeentaa 3% ol gadi bu'uun gara Doolaara 77,400tti gadi siqeera; daldala 'Futures' irrattis maallaqni Doolaara biiliyoona 1 ol ta'u gubateera (liquidated). Yeroo ammaa kana abbootiin qabeenyaa gurguddoon sodaa nageenyaatiin maallaqa isaanii dhaabbilee jijjiirraa (exchanges) keessaa baafachuuf dhiphachaa kan jiran yoo ta'u, guyyuma kaleessaa dhaabbanni 'Polymarket' jedhamus haleellaa walfakkaatuun Doolaara miiliyoona 2.6 saamamuu isaa beeksiseera.
ещё
4 0 1 30 окт, 14:08
ещё
7 0 30 окт, 13:35
PHP2Shell maali? Addunyaan gidduu kana yaaddoofi fiigicha akkamiirra jira? AIn dubbii qottee baasaa jirti. Gidduu kana qaawwaa yookaan vulnerability PHP irratti AIn argerraa kan ka'e yaaddoo guddaatu jira. Akkuma beekamu website addunyaa kanaa harki 70 ol PHP irratti kan bu'uureffaman dha. Custom code, yookaan Framework, yookaanimmoo CMS dhaan kan hojjetaman haa ta'aniyyuu malee ammatti qaawwaan argame jedhamaa jiru kun sadarkaa core PHP engine irraatii qaamota murteessoo lamaan memory management fi request processing irraa waan ta'eef yaaddoo guddaa seenaa interneetii isa guddaati jedhamaa jira. Rakkoo kanaaf PHP version 8.5.12 dura warri ture saaxilamoo fi PHP 7.4 dura warri ture ammoo security update waan hin qabneef gar malee saaxilamoo dha jedhameera. Kun ammoo dhugumatti yaaddeessaa dha. Sababnisaa akkuma beekamu dhaabbileen hedduunis ta'e host hedduun yeroo baayyee PHP version isaanii update hin godhan. Yeroo ammaa kanatti host miiliyoona 2.6 ta'antu PHP version patch hin godhamne fayyadamaa jira. Sababa kanaanis balaa dhufuuf maluuf akka malee saaxilamoo dha. Yaaddoon kun wanti inni fiduu danda'u, namootni haleellaa cyber geggeessuu barbaadan salphaatti password otuu hin barbaachisiniin serverii keenya akka seenan, odeeffannoo barbaadan akka hatan, akkasumas backdoor uummachuu isaan dandeessisa. Kanumaan wal qabatee dhaabbileen addunyaa kanaa hedduun PHP version isaanii update gochuufi rakkoo jiru qorachuutti busy ta'anii jiru. Sababnisaa akkuman dura kaase "wanti tokko hojjechaa jira taanaan hin tuqin😄" amala jedhamutu bakka hundaa guute waan ta'eef system turefaa akka inni nu jalaa hin jeeqneef jennee update gochuu dhiisnee taa'aa turree balaan akkasii yeroo uumamu ammoo system warra old sana update hojii dhaabsisuu danda'utti dirqamnee dabarsuufi rakkoo furmaata nageenyaa wajjin dhufu wajjin wal'aansoo wal qabuun hojii biraa dha.😃 PHPn language beekamaafi guddaa addunyaa kanaa sababa ta'eef CMS hedduun kanneen akka WordPress, Joomla, Drupal, Magento akkaumas Framework beekamoon kanneen akka Laravel, Symfony, CakePHP, Codeignitor fi kan kana fakkaatan hundi PHP irratti bu'uureeffaman. Sababa rakkoon amma dhufe core PHP engine waliin wal qabatuuf hundi kun saaxilamoo ta'u. Wanta nama ajaa'ibu AIn jabaachaa akkuma dhufeen wantoota dur namni barootaaf yaalee hin arganne AIn salphaatti waan argachuu danda'eef nageenyi saayibarii kana booda yaaddoo keessa seenaa jira. Kanaaf ammoo dhiheenyatti yaaddoowwan hedduun uumaman ragaa ta'u. PHP isa guddaa waan ta'eef malee gidduuma kana PHP waliin October 21 irraa eegalee yaaddoon nageenya Node.JS fi Python illee baayyee odeeffamaa jira. Ergamaan du'aa yookaan grim reaper akka suuraa asiin gadi jiru irraa argitan PHP irraa eegalee balbala hunda rukutee hamma Rust tti galaafachaa jira. Egaan hammi kun reefuu AIn sadarkaa xinnoorra otuu jiruu kan ta'e dha. Bor yeroo kana caalaatti cimaa deemu maaltu ta'uu danda'a? Akkamiin to'atama? Addunyaan garamitti deemti isa jedhu walumaan kan ilaallu ta'a. Ammaaf daddafaatii PHP version keessan 8.5.12 tti guddifadhaa.
ещё
5 0 26 окт, 11:12
Больше постов

Продолжить анализ этого канала

  • История роста подписчиков
  • Просмотры и охваты публикаций
  • Кто упоминает канал и кого упоминает он
  • Похожие каналы и подбор для рекламы
Открыть аналитику
Демо до 14 дней