👉Ilaamee nama koo kan si barbaachisu kophee 👞 bituu ta'uu danda'a. Kan ati barbaaddu garuu kophee hiriyyaan kee bite, kan gatiin isaa qaalii isa kiisii kee miidhu ta'uu danda'a. Kan si barbaachisu bakkeewwan mimmidhaagoo ta'an keessa deemuun(Walk gochuun) sammuu kee bashannansiisuu fi gooharsuu ta'uu danda'a. Kan ati barbaaddu garuu qarshii baay'ee baaftee of dhangalaasuun ta'uu danda'a. Kan si barbaachisu nyaata mana keetii argattee nyaachuu ta'uu danda'a, ati garuu mana nyaataa gatiin isaa qaala'aa ta'e seentee nyaachuu barbaaduu dandeetta.
🤝#Ila_Nama_Koo 🤔
👉 Amaloonni akkanaa kun yeroo irra deddeebi'an, kaayyoo keetiif jiraachuu dhiiftee, fedhii kee isa si hin fayyadneef Garbicha taata. Amaloonni akkanaa yoo baay'atan dursa kiisii kee, san booda jireenna kee duwwaatti hambisu. Yeroo Namoonni waan nyaatan, waan dhugan, waan uffatan, waan hawwan sitti agarsiisuuf yaalan, ati ammoo dabarsuun ka biraa laali!
👉#Na_dhagahi! fakkaachuu dhiisi! Ani eennu gadi, anis itti agarsiisa! Kan jedhu miira keessa keetii too'adhu! Kaayyoo kee guddicha saniif iddoo kenni! Waan barbaadduuf odoo hin taane, waan si barbaachisuuf dursa iddoo kenni! San booda wanti ati hin milkeessine hin jiru. Sababni isaa bilchina qaamaa irra, bilchina sammuuttu caala.
👉Warroonni kaayyoo isaanii miira irraa bilisoomsuun fakkaachuu fi fakkeessuu irraa qulqulleessan galma isaanii dhugoomsanii waan barbaadaniif waan isaan barbaachisu guutanii jiraataaru. Isaan qaamaan osoo hin taane sammuun bilchaatan. Ati hoo eennuu gadi?? Miiraaf qaama caalaa sammuu kee...🤝🤝🤝
🐢 SUUTA SUUTAAN DEEMUUN KEESSAN QAANII HIN QABU! 💪🔥
Namoonni hundi saffisa tokkoon hin deemani. Namni tokko saffisaan milkaa’a, kan biraan immoo suuta suutaan tarkaanfata. Garuu wanti murteessaan saffisa kee osoo hin taane, gara fuulduraatti deemuu kee dha! 🎯
🐢 Barumsa qabeessa kan ta’e:
Qocaan saffisaan hin deemne jechuun galma isaa hin ga’u jechuu miti. Akkasuma, ati har’a suuta deemaa jirta jechuun boru milkaa’uu hin dandeessu jechuu miti.
✅ Of hin madaaliin.
✅ Namoota biroo wajjin of hin dorgomiin.
✅ Tarkaanfii xiqqaa ati har’a fudhattu hin tuffatiin.
✅ Kaayyoo kee irratti cichi!
✅ Yeroo hunda gara fuulduraatti tarkaanfadhu!
Yaadadhu: Milkaa’inni saffisa qofa irraa hin dhufu; obsaa, itti fufiinsaa fi kutannoo irraa dhufa. 🌱
Of eeggachuun barbaachisaadha. Addunyaan kun dhibba irraa dhibba kan itti amanaman waan hin taaneef, diina kee wajjin araarami; garuu of eeggachuu kee hin dhiisin.