(cont’d)
2. Imaammata, tarsiimoo, tooftaa fi tarkaanfiilee ABO–WBO haala yeroo fi dirqama qabatamaa wajjin walsimsiisuun hojiitti hiikuu;
3. Akeeka, imaammata, tarsiimoo fi tooftaa diinaa qorachuun, faallessuu fi saaxil-baasee ummata biraan ga’uu;
4. Haala mul’ataa fi dhokataa firaa fi diinaa xiinxaluun tarsiimoo fi tooftaa yeroo wajjin walsimatu qopheessuu fi hojiirra oolchuu;
5. Olola sobaa, odeeffannoo dogoggoraa fi haleellaa qor-qalbii diinni facaasu hordofee saaxiluu, fashalsiisuu fi dura dhaabbachuu;
6. Aadaa, seenaa fi sirna Gadaa Oromoo barsiisuu fi beeksisuuf sagantaalee marii fi barnootaa dhiyeessuu.
Kanaafuu, Miidiyaa Walabummaa Oromiyaa kan ija, gurra fi qoonqa Ummata Oromoo ta’ee dhugaa fi soba gingilchee dhiyeessu kana, tumsa gochuun cimsinee ijaaruu akka qabnu hubachuun, akka waan qabdaniin itti birmattan dambooba Oromummaa fi seexaa warraaqxummaatiin guutamnee isin affeerra.
Waamichi kun waamicha hojii, ittigaafatamummaa fi murannoo ti; dubbii qofa osoo hin taane, tumsa gochuu qabatamaa dha.
Beellamni keenyaa: Guraandhala 7, 2026
Guyyaa kana yaada, humna, ogummaa fi qabeenya waan qabdanitti walitti fidnee, Miidiyaa Walabummaa Oromiyaa cimsuuf haa dhaabbannu.
Injifannoon Ummata Oromoof!
Oromiyaan Biyya!