JIREENYA OFII JIJJIIRUUF
〰〰〰〰〰〰〰〰〰〰
1. Waan Hojjettu Jaaladhu, Waan Jaallattu Hojjedhu.
Hojiin ati jaalattu yoo ta'e, dadhabbiin sitti hin dhagahamu, bu'aa gaariis argatta.
2. Nama Wajjin Osoo Hin Taane, Ofiikee Wajjin Dorgomi.
Dorgommiin dhugaan ofii keenya waliin. Of fooyyessuuf carraaqi.
3. Waan Qabduun Gammadi, Kan Hin Qabneef Immoo Hojjedhu.
Waan qabduuf galateeffadhu, kan barbaaddu argachuuf immoo carraaqi.
4. Ofii Keetiif Akka Yaaddutti, Nama Biraatiifis Yaadi.
Akka ati kabajamuu barbaaddutti, nama biraas kabaji. Gaarummaan deebitee siif ta'a.
5. Jireenya Keessatti Waa Hunda To'achuu Hin Dandeessu.
Wantoota too'achuu dandeessu irratti xiyyeeffadhu, kanneen hin danda'amne dhiisi.
6. Yeroo Hundumaa Waan Haaraa Barachuuf Fedhii Qabaadhu.
Barumsi daangaa hin qabu. Of guddisuun yeroo hundumaa barbaachisaadha.
7. Wantoota Xixiqqoo Jireenya Kee Keessatti Argamanitti Gammadi.
Gammachuun dhugaan yeroo baay'ee wantoota xixiqqoo keessa jira.
8. "Yeroo Wal Fakkaataa Keessatti Waan Tokkicha Hojjechaa, Bu'aa Adda Ta'e Eeguun Gowwummaadha."
Jijjiirama yoo barbaadde, mala hojii keetii jijjiiri.
9. Gaddi Kee Namoota Hundumaatti Himachuu Irraa Of Eeggadhu.
Namni hundinuu dhugaan siif hin yaadu. Warra amanaman qofaaf iccitii kee qoodi.
10. Maatii Kee Jaaladhu, Maatiin Qabeenya Caala.
Yeroo hundumaa maatii keetiif dursa kenni.
11. Namoota Si Jaallatanii Fi Si Deggeranitti Dhihaadhu.
Namoonni posatiiviin humna siif kennu.
12. Waan Hojjettu Amanii Itti Cichi.
Ofitti amanamummaa fi kutannoon milkaa'inaaf furtuudha.
13. Dogoggora Irraa Baradhu, Garuu Irra Deddeebi'ii Hin Dogoggorin.
Dogoggorri barsiisaadha, garuu irraa barachuu qabna.
14. Rakkoo Keetiif Furmaata Ofii Keetii Barbaadi,
Humna keetti amani, furmaanni si bira jiraachuu danda'a.
15. Waan Gaarii Hojjetteef Matumaa Hin Gaabbin.
Gaarummaan yeroo hundumaa bu'aa gaarii fida.
16. Ofii Keetiif Dhugaa Ta'i, Nama Biraa Gammachiisuuf Jettee Of Hin Jijjiirin.
Eenyummaa keetti booni.
17. Waan Dubbattu Osoo Hin Yaadne Dubbachuu Irraa Of Eeggadhu.
Dubbiin erga baatee hin deebitu. Xiinxalii dubbadhu.
18. Rakkinni Kee Hammamiyyuu Guddaa Yoo Ta'e, Kan Kee Caalaa Kan Guddaa Qabu Jiraachuu Danda'a.
Waan qabduuf galateeffadhu.
19. Harka Wal Qabannee Yoo Dhaabbanne, Waan Hin Dandeenye Hin Jiru.
Tokkummaan humna.💪
20. Waan Hundaafuu Waaqayyoon Galateeffadhu.
Galateeffachuun eebba dabalataa fida.
🔄 SHARE gochuun hiriyyoota keessaniif qoodaa! Isaanis gorsa qaalii kana irraa haa baratan!
GALATOOMAA! 🙏
@saayikoojii