Телеграм канал 'Kitaabota Saayikoloojii Irraa'

Kitaabota Saayikoloojii Irraa


3'338 подписчиков
571 просмотров на пост


Детальная рекламная статистика будет доступна после прохождения простой процедуры регистрации


Что это дает?
  • Детальная аналитика 5'684'650 каналов
  • Доступ к 1'533'798'153 рекламных постов
  • Поиск по 5'983'137'228 постам
  • Отдача с каждой купленной рекламы
  • Графики динамики изменения показателей канала
  • Где и как размещался канал
  • Детальная статистика по подпискам и отпискам
Telemetr.me

Telemetr.me Подписаться

Аналитика телеграм-каналов - обновления инструмента, новости рынка.

Найдено 103 поста

#Waan gaarii ta'eef nu qopheessaa jira!

#Wantoonni nuti barbaannu kallattii barbaannuun yoo hin deemuu dide of dhiphisuu hin qabnu.  Garuu karaa barbaanne akka deemu gochuuf haa yaallu.

#Akkasis goonee Yoo dadhabne immoo jechama kana haa yaadannu. "Kadhannaa nuuf hin deebineefis haa galateeffannu"sababni isaas  nu caalaa waan nu barbaachisu beeka Waaqayyo. Yookaan yeroon wanti sun itti ta'u hin geenye. Yookaan immoo waanta nuti barbaannu caalaa waan gaarii nuuf kennuuf waan jiruufi.

👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii
👇👇👇👇
https://youtu.be/4alyQW28TBo

❤ 4
💯 4
🏆 1

#Boru ni dhufa

#Isa deemetti hin aarin. Isa dhufus hin ajaa'ibsiifatin. Kan har'a dhufe boru ni deema. Kan kaleessa deeme boru ni dhufa. Hundi isaa yeroo wajjin jijjiirama. #Ati garuu qajeelummaa kee hin dhabin ittuma fufi!"
👇👇👇👇
@Saayikoloojii
#Subscribe
👇👇👇
https://youtu.be/4alyQW28TBo

❤ 12
🥰 3
🏆 1

#Mee Gaaffilee armaan gadii kana of #Gaafadhu

#1. Amma maalan of harkaa qabaa kanan ittiin jijjiirama ofirratti eegalu?
#2. Yoom jijjiirama ofirratti yoon jalqabe wayyaa?
#3. Eessaa yoon jalqabe wayyaa?
#4. Yaada koo eenyuuf yoon qoode wayyaa?
#5. Humnii fi kaappitaalli ani amma of harkaa qabu hangam na deemsisuu danda'aa?
#6. Tarsiimoo kan warra biroo irraa adda ta'e malaan qaba?
#7. Garee wajjin tarkaanfachuu danda'u akkamittan uumaa?
#8. Hudhaaleen karaa irratti na quunnamuu danda'an maalfa'a ta'uu danda'uu?
#9. Ofitti amanamummaa ani mul'atan qabadhee ka'eef qabu hangam olaanaadhaa?
#10. Yeroo hangamii keessattin waantan yaade galmaan gahuu danda'a?

❤ 12
👍 8
👏 1
🏆 1

"#Yoo ariifattee deemuu barbaadde qofaa kee deemi. Yoo fagoo deemuu barbaadde garuu #Waldaa (garee) kee wajjin deemi."

"#If you want to go to fast, go alone. If you want to go far, you need a team."John Wooden.

#Fagoo deemuu dhaloonni hin barbaanne hin jiru.

#"Dalagaan Garee Abjuu Garee Fida"

"Teamwork makes dreamwork"
👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii

❤ 6
🙏 3
🏆 1

#Waantota kana sadaniin of hin dhiphisinaa

#1ffaa. #Seenaa keessan isa darbe yaaduun of hin dhiphisinaa. Sababni isaas kan darbe darbeera deebi'ee hin dhufu.#fkn kisaaraa, gargaarsa dhabuu, rakkachuu, hidhamuu, hojiirraa gaggeeffamuu, gadda ulfaataa...isin mudatee darbe.
#2ffaa. #Waa'ee gara fuulduraa yaaduun hin dhiphatinaa. Sababni isaan fuulduratti maaltu akka nu mudatu, eebba, rakkina gadda gammaachuu ta'uun isaa icciitiidha.
#3ffaa. #Ofii keenya namoota biraa wajjin dorgomsiisuu dhiisaa. Sababni isaas akkaataan ati itti uumamte nama kamirraayyuu adda, kaayyoon ati uumamteefis kan nama kamiirraayyuu adda. #Ati nama addaati. Hundi keenyayyuu dandeettii fi kennaa addaa addaa qabna.

# Addunyaa kanarra Namni guutuunis namni duwwaanis hin jiru. Of ta'ii jiraadhu!
👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii

👍 8
❤ 5
🏆 2

#Dhiphina irraa bilisa ta'uu!

#Yaaddoon keenya baay'een isaa wanti nuti gochuuf yaadne ulfaataa ykn garmalee waan ta'eef osoo hin taane, waan salphaa jalqabne waan hin xumurreef!

#Kaleessi darbeera,harkaan qabuu hin dandeenyu. Boris harka keenya hin jiru, har'a sirreessuu dandeenya, isumayyuu amma, kanaaf guyyaa kee bareedduu kana fayyadami. Boruu kee  tolchi!  Yoos dhiphina irraa bilisoomta!

@Saayikoloojii

❤ 11
👍 1
🥰 1

#Ati mo'ataadha!

  #"Kufaatii kee irraa yoo baratte akka mo'amteetti hin lakkaa'amu!"  Argitee, waan amma si mudate hambisuun rakkisaa ta'uu danda'a, garuu ofumaan 'Wanti amma na mudate lammata na mudachuu hin danda'u jedhi. Sana booda ni moota!


#Halkan bareedaa isiniif hawwina🙏
@Saayikoloojii

❤ 12
👍 4
🤔 1
💯 1

💞💞💞💞#WALALOO HAWWII JETTU💞💞

Meeqa kan guuttatee eenyutu nattimaa
Hawwee kan argatee enyudha yaa jamaa
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼@Saayikoloojii
Meeqatu hawwee dhabee
Meeqatu harkaan qabee
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Hawwii bira gahuuf meeqatu dadhabee
Olii gadi jooree kan abdii irraa dhabee
🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀@Saayikoloojii
Meeqatu guuttatee hawwii jireenya isaa Gammachuu argatee kan ciise garaan isaa
🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸@Saayikoloojii
Nama meeqa laataa kan harkaan ga'atee
Fedhii garaasaatii hawwii kan dhuunfatee
💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐@Saayikoloojii
Eessaa daangaan haawwii eessatti dhaabataa Eessaan ba'ee deemee eessatti jellataa Eenyutti dhiyaatee eenyurraa fagaataa
Isa kamiif guutee kam duraa hir'ataa
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻@Saayikoloojii
Dhugaa ta'uu baannaan hawwiin hawwiidhumaa
Kan qoricha qabnee dhukkuba ilma namaa !!!!!!!!!!!!@Saayikoloojii
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
@Saayikoloojii

❤ 7
👍 3
👏 2
🏆 1
🎄 1

#Namoota Gosa 5 tu jiru
1. Namoota si miidhanii of fayyadan.
2. Namoota si fayyadanii of miidhan.
3. Namoota si miidhanii ofis miidhan.
4. Namoota si fayyadanii ofiis fayyadaman.
5. Namoota sin fayyanne ofis hin fayyanne.

#Ibsa bal'aaf yeroo dhiyootti nu eegaa!
@Saayikoloojii #join share gochuun irraa baradhaa!

🙏@Saayikoloojii🙏

👍 14
❤ 5
🙏 1
🏆 1

#Hanga yoomiitti?

#Karaa dhabdeef osoo hin taane, karaa itti deemtu waan hin beekneefidha.  Hanga yoomiitti qisaasa'uuf deemta?

#Yoo bira gahuu barbaadde namoota karaa sana irra deeman gaafadhu, nama waan si barbaachisu, karaa irratti nyaata akkamii akka si barbaachisu, hammam deemuun akka sirra jiru beeku gaafadhu, isaan waan hunda siif salphisu, ija jabaadhu karaa kee gara fuulduraattis qajeeli!

Yeroo eebbifamaa isiniif hawwina

@Saayikoloojii

👍 10
❤ 4
🏆 2

#Of Ilaali isuma kaleessaa ofirratti hin ilaaliniitii!
#Eenummaa keessa kee jiru kan fayyadamuu danda'u si qofadha!
#Dhalachuun kee dogoggora hin qabu.
#Hojii kam keessattiyyuu murteessaan ilaalcha keeti!

@Saayikoloojii

❤ 15
👍 4
🏆 3
👏 1

#Dogoggora koo nama biraatti osoo hin taane Anumatti himi Sababni isaa Dogoggora koo kan sirreessuu danda'u nama biraa osoo hin taane anuma waan ta'eef jechuu kooti!!!

#Kanaaf nan Hamatin❤❤❤
          
                                 @Saayikoloojii

👍 13
❤ 5
👏 3

#GEGGEESSAA TA'I

#Hojiin geggeessaa yeroo baay'ee amalaafi ilaalcha namootaa Jijjiiruudha Kanas tooftaalee armaan gadiin milkeessuu ni dandeessa:
#Qajeelfama #1ffaa
Namoota hamilichiisi. Hojiikees, dinqisiifannaa namootaaf qabdu ibsuun ecegali.
#Qajeelfama #2ffaa
Utuu namni sun hinbeekin qalbiisaa gara dogoggorasaatti fidi.
#Qajeelfama #3ffaa
Utuu namoota ceepha'uu hin eegalin dura dogoggora yookaan dadhabinakeef ofiikee ceepha'i.
#Qajeelfama #4ffaa
Namoota kallattiin ajajuurra, yaadasaanii gaafadhu.
Qajeelfama #5ffaa
Haamilee Namootaa Eegi.
#Qajeelfama #6ffaa
Fooyya'insa xiqqoo namoonni agarsiisaniif isaan badhaasi. Jajjabeessiin, hanga dhumaattis addaan hin kutin.
#Qajeelfama #7ffaa
Kabaja namoonni argachuu barbaadan kenniif. Yookaan waan akka ta'an feetu, ta'aanii akka jiranitti isaan fudhadhu.
#Qajeelfama #8ffaa
Namoonni dogoggora isaaniirraa akka barataniif jajjabeessi. Dogoggorri isaanis salphaatti furamuu kan dandahu tahuusaa isaanitti agarsiisi.
#Qajeelfama #9ffaa
Namoonni yaada kee akka fudhatan gochuuf dursii yaadakeetti akka gammadan godhi.


#Yoo xiqqaate namoota #10f qoodi (#share) godhi

@Saayikoloojii

👍 10
❤ 4
🏆 3
🥰 2
#Osoo Qarshii 10 Qabaatee #Ijoolleesaa hin dhabu ture!

#Namni seenaa kana dhaga'ee hin boonye hin jiru. Seenichis akkana:
#Nama ijoollee xixiqqoo sadii guddisutu ture. Haati manaa isaa ijoollee sana isatti dhiistee duute. Kanaaf hojii guyyaa hojjetee ijoollee isaa guddisuu itti fufe. Yeroo tokko tokko hojii guyyaa waan dhabuuf baay'ee rakkata.

Otuma kanaan jiruu gaaf tokko hojii dhabee harka duwwaa manatti gale. Ijoolleen isaa agabuu bulan. Guyyaa lammaffaas hojii barbaadee dhabe. Ijoolleen isaa guyyaa lammaffaa agabuu bulan. Galgala sana garuu gaaffii tokko isa gaafatan. “#Abbaa! Boris nyaata hin nyaannuu?” kan jedhu. Abbaanis, “Ijoollee koo bor nyaata ni nyaattu!” jedhee waadaa seeneef. “#Hojiinhoo hin jiruu maaliin nyaata nuuf bitta?” jedhanii deebisanii gaafatan. Hiriyyaa isaa kan isaan beekan maqaa dha'ee, “Abalu irraa qarshii 10 liqeeffadheen isiniif bita. Kanaafuu, bor ni nyaattu!” jedhe. Beelli akka malee itti cimus, abdii abbaan isaanii isaaniif kenne abdachaa bulan.

#Borumtaa ganama ka'ee hiriyyaa isaa sana bira deeme. “Ijoolleen koo guyyaa sadaffaa agabuu jiru. Baay'ee miidhamaniiru. #Maaloo qarshii 10 naaf liqeessi akkuman hojii guyyaa argadheenan hojjedhee siif deebisaa!” jedhee gaafate.
Haala baay'ee nama gaddisiisuun hiriyyaan isaa qarshii 10 liqeessuufii dide. “Hin qabu!” ittiin jedhe. Isa dhumaa abdii waan kuteef harka duwwaa ijoollee sanatti galuu irra battaluma sana deemee of ajjeese!

#Seenaan ana dabalatee namoota  baay'ee keenya boossise kana ture. Firoota koo! Mee dhaabannee haa yaadnu. #Yeroo hundumaa akka nuti gargaarruuf namni Waaqayyo nutti ramade akka jiru beekuu qabna. #Dhugaadha. Namni nuti gargaaruu qabnu tokko naannoo keenya jira. #Namni waan barbaachisaa dhabe, namni guyyaan itti dukkanaa'e, namni muka qabatu dhabe, buddeenni irraa hafaan mana keenya jiru isaaf qaalii kan ta'e, uffanni nuti guyyaa guyyaan jijjiirree uffannu isaaf immoo hawwii isaa kan ta'e…naannoo keenya jira.

#Wanti baay'ee nama gaddisiisu immoo yeroo baay'ee ijji keenya namoota akkanaa hin argu. “#Gargaarsii fi abaarsi xiqqoo hin qabdu!” jedhee Oromoon akkuma mammaaku, wanti xiqqoon harka keenya keessa jirtu namoota rakkoo keessa jiraniif waan guddaadha. #Namichi armaan olitti seenaa isaa ilaalle otoo qarshii 10 argateera ta'ee of hin ajjeesu. Ijoollee isaaf jiraata ture.

#Gabaabaamatti ergaan koo, yeroo hundumaa iji keenya banamaa haa ta'u. Naannoo keenya xiyyeeffannoon haa ilaallu. Akka nuti gargaarru namoota Waaqayyo nutti ramadeef waan qabnu haa hiixannu. Ofittoo ofiif qofa jiraatu ta'uu dhiisnee, obboloota waan barbaachisaa dhabaniif haa jiraannu. Kan beela'an haa nyaachisnu, kan dhukkubsatan haa waldhaansisnu, kan daaranitti haa uwwisnu!

#Horaa Bulaa
(Maddi #Eebbisaa Baayisaa)

@Saayikoloojii
👍 18
❤ 5
🥰 4
👏 1

#Deebitee Ni Kaata!

#Waantonni humna kee ol yoo ta'an dhaabbachuun Afuura galfattee dadhabbina kee sakattaata. Kan dhaabbatteef waan mo'amteef dhiisuuf miti. Humnaa fi cimina ajaa'ibaan deebitee ka'uufi malee.

#Gareen(Kilabiin) yeroo heddu #Waancaa fudhatuyyuu yeroo tokko tokko ni mo'ama. Yeroof gadi jechuun dirqama. Addunyaa kanarratti namni osoo gadi hin jedhin ol jedhe tokkollee hin jiru.#Qomoo koo of sakatta’uuf yoo yeroo itti fudhatte gadi jettee hin haftu amani!!!!

Hiriyaa kee yoo xiqqaate 10f qoodi (#share) godhi
    #Join godhi

👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii

❤ 6
👍 5
👏 2
🔥 1

🌲🌲🌲🌲🌲🌲🎄🎄🎄🎄🎄🎄
#Ati kophaa kee miti!

#Wantoonni akka ati barbaaddetti siif deemuu dhiisuu dandaʼu.  #Hojiin kee, barnoonni kee, gaaʼelli kee, hariiroon jaalalaa ati  qabdu si rakkisuu dandaʼa;  #Ati kophaa kee miti.  #Hundi keenya mudaa qabna.

#Guyyaa guyyaan of fooyyessuuf wantoota xixiqqoo itti dabalaa yoo itti fufne; hundi keenya ni milkoofna jedheen yaada.
#Jijjiiramni dhugaa suuta suutaan dhufa malee tasa miti!  #Kanaaf carraaqqii keenya hin dhaabnu

#Yeroo gaarii isiniif hawwina!!!🙏🙏🙏
#Galatoomaa🙏🙏🙏
👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii

❤ 11
👏 3
👍 1
🥰 1

#Nama #Cimaa #Ta'i

#Namni Cimaan Ofiisaa Qofaaf hin jiraatu. Namoonni si eegan heddutu jiru, ofii kee qofaaf jiraatta taanaan garuu Biddeenni tokkoofi manni kutaan tokko gahaa ture, kana milkeessuuf aarsaa guddaa kanfaluu sin barbaachisu. #Namni waan guddaa barbaadummoo hojii xiqqoollee boruuf hin olkaa'u.
#Siree keerraa ka'i, Ispoortii hojjedhu, qaama kee dhiqadhu, Kitaaba garagalchi ykn Hojii kee eegali.
#Yaa qomoo koo dhamaatii kee har'aatu walitti qabamee boru nama guddaa si taasisa waan ta'eef Dammaqii hojjedhu!!!

#Share and #Join
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii

👍 6
❤ 3
🥰 2
👏 2

#Gamoon hiyyummaa Addunyaa kanarraa baay'ee ol dheeraa ta'e kan inni ijaaramee jiru #Sammuu namootaa keessatti.

@Saayikoloojii

❤ 15

#Murteessaan waan of harkaa qabdu osoo hin taane, Ilaalcha ofiif qabduudha(Self_image)

@Saayikoloojii

👍 12
❤ 4
Kitaabota Saayikoloojii Irraa
: 3'338 | на пост: 571 | ER: 42.8%
Публикации Упоминания Аналитика

#Har'a Guyyaan maal turee?

#Baay'ina Rakkina na qunnameef jedhee yaada koo wajjin diina walitti hin ta'u. Jireenyi bu'aa bahii baay'ee qaba. Yeroo tokko tokko namatti duukanaa'uu barbaada. Ifuma guyyaa kanatu dukkanaa'ee sitti mul'ata. Guyyaatu si duraa Bada guyyaan har'aa maal turee ykn meeqaa? Jimaata moo Kamisaa? Sanbata moo Wiixataa? 14 moo 15? Jettee nama si cina jiru gaafatta. Maqaadhuma nama dur sirriitti beektuutu si duraa bada. Nagaa gaafachuu Fi nagaatti jechuutu walitti si duraa bu'ee Isa gaggeessaa jirtu irra deebitee nagaa gaafatta. Ajaa'iba mitii?
Ati dabarsitee Itti of kenninaan sammuun Kee si fudhatee deema, jureenya kanaan mannaa yoo of ajjeeftee obbaafatte siif hin wayyuu sin jedhee gurratti si hasaasa ykn guunguma. Kanaaf of eeggadhu Itti of hin gatiin adaraa didi.

@Saayikoloojii

👍 4

Найдено 103 поста