Телеграм канал 'Kitaabota Saayikoloojii Irraa'

Kitaabota Saayikoloojii Irraa


3'141 подписчиков
520 просмотров на пост


Детальная рекламная статистика будет доступна после прохождения простой процедуры регистрации


Что это дает?
  • Детальная аналитика 5'852'512 каналов
  • Доступ к 1'533'798'153 рекламных постов
  • Поиск по 5'804'030'966 постам
  • Отдача с каждой купленной рекламы
  • Графики динамики изменения показателей канала
  • Где и как размещался канал
  • Детальная статистика по подпискам и отпискам
Telemetr.me

Telemetr.me Подписаться

Аналитика телеграм-каналов - обновления инструмента, новости рынка.

Найдено 90 постов

#Osoo Qarshii 10 Qabaatee #Ijoolleesaa hin dhabu ture!

#Namni seenaa kana dhaga'ee hin boonye hin jiru. Seenichis akkana:
#Nama ijoollee xixiqqoo sadii guddisutu ture. Haati manaa isaa ijoollee sana isatti dhiistee duute. Kanaaf hojii guyyaa hojjetee ijoollee isaa guddisuu itti fufe. Yeroo tokko tokko hojii guyyaa waan dhabuuf baay'ee rakkata.

Otuma kanaan jiruu gaaf tokko hojii dhabee harka duwwaa manatti gale. Ijoolleen isaa agabuu bulan. Guyyaa lammaffaas hojii barbaadee dhabe. Ijoolleen isaa guyyaa lammaffaa agabuu bulan. Galgala sana garuu gaaffii tokko isa gaafatan. “#Abbaa! Boris nyaata hin nyaannuu?” kan jedhu. Abbaanis, “Ijoollee koo bor nyaata ni nyaattu!” jedhee waadaa seeneef. “#Hojiinhoo hin jiruu maaliin nyaata nuuf bitta?” jedhanii deebisanii gaafatan. Hiriyyaa isaa kan isaan beekan maqaa dha'ee, “Abalu irraa qarshii 10 liqeeffadheen isiniif bita. Kanaafuu, bor ni nyaattu!” jedhe. Beelli akka malee itti cimus, abdii abbaan isaanii isaaniif kenne abdachaa bulan.

#Borumtaa ganama ka'ee hiriyyaa isaa sana bira deeme. “Ijoolleen koo guyyaa sadaffaa agabuu jiru. Baay'ee miidhamaniiru. #Maaloo qarshii 10 naaf liqeessi akkuman hojii guyyaa argadheenan hojjedhee siif deebisaa!” jedhee gaafate.
Haala baay'ee nama gaddisiisuun hiriyyaan isaa qarshii 10 liqeessuufii dide. “Hin qabu!” ittiin jedhe. Isa dhumaa abdii waan kuteef harka duwwaa ijoollee sanatti galuu irra battaluma sana deemee of ajjeese!

#Seenaan ana dabalatee namoota  baay'ee keenya boossise kana ture. Firoota koo! Mee dhaabannee haa yaadnu. #Yeroo hundumaa akka nuti gargaarruuf namni Waaqayyo nutti ramade akka jiru beekuu qabna. #Dhugaadha. Namni nuti gargaaruu qabnu tokko naannoo keenya jira. #Namni waan barbaachisaa dhabe, namni guyyaan itti dukkanaa'e, namni muka qabatu dhabe, buddeenni irraa hafaan mana keenya jiru isaaf qaalii kan ta'e, uffanni nuti guyyaa guyyaan jijjiirree uffannu isaaf immoo hawwii isaa kan ta'e…naannoo keenya jira.

#Wanti baay'ee nama gaddisiisu immoo yeroo baay'ee ijji keenya namoota akkanaa hin argu. “#Gargaarsii fi abaarsi xiqqoo hin qabdu!” jedhee Oromoon akkuma mammaaku, wanti xiqqoon harka keenya keessa jirtu namoota rakkoo keessa jiraniif waan guddaadha. #Namichi armaan olitti seenaa isaa ilaalle otoo qarshii 10 argateera ta'ee of hin ajjeesu. Ijoollee isaaf jiraata ture.

#Gabaabaamatti ergaan koo, yeroo hundumaa iji keenya banamaa haa ta'u. Naannoo keenya xiyyeeffannoon haa ilaallu. Akka nuti gargaarru namoota Waaqayyo nutti ramadeef waan qabnu haa hiixannu. Ofittoo ofiif qofa jiraatu ta'uu dhiisnee, obboloota waan barbaachisaa dhabaniif haa jiraannu. Kan beela'an haa nyaachisnu, kan dhukkubsatan haa waldhaansisnu, kan daaranitti haa uwwisnu!

#Horaa Bulaa
(Maddi #Eebbisaa Baayisaa)

@Saayikoloojii
👍 11
❤ 4
🥰 3
👏 1

#Deebitee Ni Kaata!

#Waantonni humna kee ol yoo ta'an dhaabbachuun Afuura galfattee dadhabbina kee sakattaata. Kan dhaabbatteef waan mo'amteef dhiisuuf miti. Humnaa fi cimina ajaa'ibaan deebitee ka'uufi malee.

#Gareen(Kilabiin) yeroo heddu #Waancaa fudhatuyyuu yeroo tokko tokko ni mo'ama. Yeroof gadi jechuun dirqama. Addunyaa kanarratti namni osoo gadi hin jedhin ol jedhe tokkollee hin jiru.#Qomoo koo of sakatta’uuf yoo yeroo itti fudhatte gadi jettee hin haftu amani!!!!

Hiriyaa kee yoo xiqqaate 10f qoodi (#share) godhi
    #Join godhi

👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii

❤ 6
👍 5
🔥 1
👏 1

🌲🌲🌲🌲🌲🌲🎄🎄🎄🎄🎄🎄
#Ati kophaa kee miti!

#Wantoonni akka ati barbaaddetti siif deemuu dhiisuu dandaʼu.  #Hojiin kee, barnoonni kee, gaaʼelli kee, hariiroon jaalalaa ati  qabdu si rakkisuu dandaʼa;  #Ati kophaa kee miti.  #Hundi keenya mudaa qabna.

#Guyyaa guyyaan of fooyyessuuf wantoota xixiqqoo itti dabalaa yoo itti fufne; hundi keenya ni milkoofna jedheen yaada.
#Jijjiiramni dhugaa suuta suutaan dhufa malee tasa miti!  #Kanaaf carraaqqii keenya hin dhaabnu

#Yeroo gaarii isiniif hawwina!!!🙏🙏🙏
#Galatoomaa🙏🙏🙏
👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii

❤ 8
👏 3
🥰 1

#Nama #Cimaa #Ta'i

#Namni Cimaan Ofiisaa Qofaaf hin jiraatu. Namoonni si eegan heddutu jiru, ofii kee qofaaf jiraatta taanaan garuu Biddeenni tokkoofi manni kutaan tokko gahaa ture, kana milkeessuuf aarsaa guddaa kanfaluu sin barbaachisu. #Namni waan guddaa barbaadummoo hojii xiqqoollee boruuf hin olkaa'u.
#Siree keerraa ka'i, Ispoortii hojjedhu, qaama kee dhiqadhu, Kitaaba garagalchi ykn Hojii kee eegali.
#Yaa qomoo koo dhamaatii kee har'aatu walitti qabamee boru nama guddaa si taasisa waan ta'eef Dammaqii hojjedhu!!!

#Share and #Join
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Saayikoloojii

👍 6
❤ 3
🥰 2
👏 2

#Gamoon hiyyummaa Addunyaa kanarraa baay'ee ol dheeraa ta'e kan inni ijaaramee jiru #Sammuu namootaa keessatti.

@Saayikoloojii

❤ 15

#Murteessaan waan of harkaa qabdu osoo hin taane, Ilaalcha ofiif qabduudha(Self_image)

@Saayikoloojii

👍 12
❤ 4
Kitaabota Saayikoloojii Irraa
: 3'141 | на пост: 520 | ER: 42.8%
Публикации Упоминания Аналитика

#Har'a Guyyaan maal turee?

#Baay'ina Rakkina na qunnameef jedhee yaada koo wajjin diina walitti hin ta'u. Jireenyi bu'aa bahii baay'ee qaba. Yeroo tokko tokko namatti duukanaa'uu barbaada. Ifuma guyyaa kanatu dukkanaa'ee sitti mul'ata. Guyyaatu si duraa Bada guyyaan har'aa maal turee ykn meeqaa? Jimaata moo Kamisaa? Sanbata moo Wiixataa? 14 moo 15? Jettee nama si cina jiru gaafatta. Maqaadhuma nama dur sirriitti beektuutu si duraa bada. Nagaa gaafachuu Fi nagaatti jechuutu walitti si duraa bu'ee Isa gaggeessaa jirtu irra deebitee nagaa gaafatta. Ajaa'iba mitii?
Ati dabarsitee Itti of kenninaan sammuun Kee si fudhatee deema, jureenya kanaan mannaa yoo of ajjeeftee obbaafatte siif hin wayyuu sin jedhee gurratti si hasaasa ykn guunguma. Kanaaf of eeggadhu Itti of hin gatiin adaraa didi.

@Saayikoloojii

👍 4

Найдено 90 постов