Телеграм канал 'Nuraddin Sham - FHS'

Nuraddin Sham - FHS


4'771 подписчиков
776 просмотров на пост

Seera wallaaluun itti gaafatamummaa seeraa jalaa nama hin baasu!

Ignorance of law does not excuse!

Детальная рекламная статистика будет доступна после прохождения простой процедуры регистрации


Что это дает?
  • Детальная аналитика 5'836'046 каналов
  • Доступ к 1'533'798'153 рекламных постов
  • Поиск по 5'718'955'904 постам
  • Отдача с каждой купленной рекламы
  • Графики динамики изменения показателей канала
  • Где и как размещался канал
  • Детальная статистика по подпискам и отпискам
Telemetr.me

Telemetr.me Подписаться

Аналитика телеграм-каналов - обновления инструмента, новости рынка.

Найдено 74 поста

👉🏻4.humnaan gabroomuu hojii humnaa olii fedhii keetiin ala hojjachiifamuu fi kkfn akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda'ama.

✍🏻Hawaasni keenya irra hedduun godaansa seeraan alaa kana akka yakkaatti kan hubate osoo hin taane yokiin immoo oso hubateyyuu dallaaloota godaansa seeraanalaa irrattii hirmaataniin haawwii hintaane kessa seenee doggoggorsiifamaa waan jiraniif yakka tahuu isaarra akka waan carraa gaariitti kan ilaalaniis waan jiraniif namoota yakka kana irratti hirmaatan saaxiluu irratti hanqinni hagana hin jedhamne hawaasa keessatti mullataa jira.

✍🏻Kanaafuu maalummaa godaansa seeraan alaa yakkummaa isaafi adabbi inni qabuu hawasa hubachisuun barbaachisaa ta’e waan argameef Waan argameef seerri dhimma godaansa seeraan alaa maal jedha? Akka itti aanutti dubbisaa

Iv.#Hirmaattota_Yakkoota_godaansa_seeraan_Alaa_Raawwachu_irratti_Qooda_Qaban_fi_Adabbiilee_jiran.
✍🏻Akka seera godaansa seeraan alaa fi namoota seeran ala daddabarsuu too'achuuf Mootumoota gamtoomaniitiin bahe resolution No.55/25of15 kewt 3 jalatti akka ibsetti godaansa seeraan alaa jechuun godaansa ummataa biyya tokkorraa gara biyya biraatti godhamu ta’ee kan seera biyyattii godaanaatiin ykn itti godaanamuun dhorkamee fi Namni yakka goodaansa seeraan alaa irratti hirmaate immoo seera biyyootaatin kan murtaa’u ta’a jechun ibsa. Biyyi teenya Ehitopiyaaniis kanuma bu'uura godhachuun seera mataa isii kan hirmaattota yakkichaa adda baasuu fi Adabbiilee raawwataa gochichaas tumtee lafa keessee jirti.

✍🏻Karaa seerri hin hayyamneen Lammiileen akka daangaa qaxxamuran warreen taasisan too'achuuf Biyyi teenya hirmaattota Yakkichaas adda baasuun Seera tumtee lafa keessee jirti .Akkaataa Labsii Federaala lakkoofsa 1178/2020 tiin Namni kamiyyuu ofiifis haatahu nama biraatiif bu'aa argamsiisuuf ja'ee Namni biraa akka daangaa Ethiopia seenu , daangaa Ethiopia qaxxaamuree akka gara Alaa bahu, Daangaa qaxxaamursuuf kan qophii taasisuu, kan kana raawwachuuf adeemsa adda addaa godhu, mana ofii bulchuus haatahu,qarshiin gargaaruus hatahu nama kana akka gowwoomee deemu sossobuus haatahu Nama kana geejjibsiisuu fi kan namni biraa iddoo biraa irraa itti fidees Daangaa dabarsuuf ofitti fuudhun hirmaataa yakkichaa nama taasisa.

✍🏻Namni hirmaataa yakkichaa tahee argame bu'uura labsii 1178/ 2020 keewwata (8) tin Adabbiileen isarrattu raawwatoo ta'an tumamaniii jiru Adabbiileen kunniin Hidhaa cimaa waggaa 5 hanga waggaa 10 fi Adabbii Maallaqaa Qarshii Kuma 10 Hanga Kuma 100 gahu hirmaataan yakkichaa akka Adabamu ifatti tumee lafa kaa'eera.Kun kanumaan osoo jiruu Haalli hirmaataan yakkichaa irratti Adabbii kan olitti ibsame kana caalaa cimsuu danda'an tumamanii jiru fakkeenyaaf gochoonni hirmaataan yakkichaa raawwate kun Kan raawwataman Daa'imman iirratti, nama sammuun dhukkubsatu fi Qaama miidhamaa irratti yoo ta'e, Adabbiin isaa hidhaa waggaa 7 hanga waggaa 15 fi Adabbii maallaqaa Qarshii Kuma 20 hanga Qarshii Kuma 100 akka Adabsiisu labsuma kana keewwata 8/ 2 Jalatti ifaan tumee jira. kanaaf gocha kana balaafamummaa inni Lammii biyyaa irratti qabuu fi Miidhaa inni haawaas dinagdee biyyaa irratti qabu hubannee qaama hirmaataa yakkichaa tahe saaxiluun Godaansa seeraan Alaa Waliin haa ittifnu.Barreeffama kana #AA Sharaf Mahammad tu qopheesse irra deebi'uun seeraan ala nama goodaansisuun yakka tahuu hubannee hawaasaas haa barsiifnuun dhaamsa keenya galatoomaa.

👍 9

GODAANSA SEERAAN ALAA FI SEERA
I.SEENSA
✍🏻Yakki Godaansa Seeraan alaa fi namaan daldaluu yakkoota akka addunyaatti ballinaan raawwatamaniidha godaantoota miliyoonota baayyee keessaas Harki caalaan dargaggoota barnoota hinqabne akka ta’e ragaawwan garagaraa irraa hubachuu ni dandeenya.Akka Afrikaatti rakkoon hoji dhabdummaa kun yeroorraa yerootti waan mudatuuf ardittii keessatti heddummaachaa kan jiru yoo ta’u, furmaata waaraa karaa qindoomina qabuun kennuu dhabuurraa kan ka’e biyya keenyattiis yaaddoo guddaa tahaa jira.

✍🏻Seera biyya keenyaa jalatti seera ala nama godaansisuu fi namaan daldaluun yakka tahee tumamullee hawaasni bal'aan godaansa seeraan alaa akka yakka tahe hubachuu dhabuun miidhaa godaansa seeraan gahaa jiru daran akka baballatu taasisaa waan jiruuf jecha aniis hawaasni akka hubatuuf barruu hubannoo seeraa kana bifa gabaabaa taheen qopheesseen jira.

↪Barreefamichi Maalummaa Godaansa seeraan alaa,sababoota godaansaa fi miidhaa gahaa jiru akkasumaas adabbiilee yakka seeraan ala nama godaansisuu bifa gabaabaa taheen kan hammateedha

Ii.#Maalummaa_yakka_Godaansa_seeraan_alaa_fi_namaan_daldaluu
✍🏻Godaansa seeraan alaa jechuun seeran ala daangaa biyyaa keessaa bahuu fi seenuu jechuudha.Godaansi seeraan alaa hirmaattoota of danda'e kan caasaa mataa ofii qabuun raawwatama fkn biyya su'uudii irraa hanga biyya keenyatti dallaaltoonni faayidaa argachuuf caasaa ijaarratanii daa'imman waggaa 18 gadii fi dubartoota gowwoomsuudhaan fuudhanii erga biyyaa baasanii iddoo namni hin jirre gaara keessa geessuun gidirsanii maatitti akka bilbilan taasisuun maallaqa akka ergan taasisanii yeroo maallaqichi harka isaanii dhaqqabe achitti dhiisanii biraa deemuun balaa ajjeechaa lubbuu,miidhaa qaamaa fi xiinsammuuf namoota saaxilaa jiru kanaaf,godaansa seeraan alaa fi namaan daldaluun kun dallaaltoota faayidaa diinagdee argachuuf ijaaramaniin waan taheef yakka tahee seera biyya keenyaa tumamee jira.

Iii.#Sababa_godaansaa_seeraan_alaa_fi_miidhaa_isaa.
✍🏻Godaantonni Seeraan ala socho’an irra hedduun isaani rakkoo battalaa isaan gaaga’u jalaa baraaramna jedhanii haasocho’an malee mudannoo fuldurasaaniitti isaan eeggatu dursanii waan hin hubanneef rakkoo fi gadadoo akkaan nama laalessuutu isaan mudata.Karaa biraatin dalaallonni goodaansa seeraan alaa irrattii hirmaatan heddumaachuu isaaniitii fi waadaan soobaa dallaalonnii kunniin godaantota seeraan alaatiif galaniin godaansi seeraan alaa yeeroodhaa yerottii heddumachaa dhufeera. sababiin dabaluu lakkoofsa namootaatis akka naannawa keenyaatti yoo laalle sababoonni hedduun ka’uu danda’u isaan keessaa muraasni
👉🏻1.sababa rakkoo hoji-dhabdummaa
👉🏻2.sababa rakkoo siyaasaan jeequmsi mudachuu

👉🏻3.yakkoota garagaraa keessatti hirmaataa tahuu fi kkf dha

✍🏻haata’uu malee irra hedduun isaanii sababa dinagdee fi hawwii jiruu bareedduu jiraachuu dhugoomfachuuf qabaniin salpatti dallaaltotaan gowwoonfamuun wayta balaa irra bu’an ni mullatu.
Rakkooleen namoota gowwoonfamanii biyya isaanii irraa bahan kana hordofee hawaas dinagdee biyyaa irra dhufu hedduu olaanaadha. Haluma kanaan sababa goodaansa seeraan alaa yeroorraa yerootti babal’achaa jiru kanaan dhaloonni dhumaa,qaamaanis miidhamaa jiru daran baballachaa jiraachun isaafi daa'immanillen hirmaannaa gochaa jiraachun baayyee yaaddessaadha. Balaan kun irra caalatti dargaggootarratti kan xiyyeeffate yoo ta’eyyuu isaan qofatti kan daanga'ee miti haala amma jiruun daa'immanii fi dubartoonnis qooda fudhattoota tahuun biyyaafis hammaataa ta’uun isaa kan shakkamuu miti miidhaalee godaansa seeraan alaa kanaan mudachuu danda'an keessaa muraasni
👉🏻1.dargaggoonni humni oomishaa kara biraatiin qabeenyi biyyaattii humni namaa kan silaa hojjatee biyyaaf waa buusu biyyaarraa godaanuu

👉🏻2.balaa ajjeechaa lubbuu,gidiraa adda addaa fi miidhaa xiinsammuutiif saaxilamuu

👉🏻3.rakkoo diinagdee hordofsiisuu(keessattuu maatiin godaantootaa ilmaan isaanii baasuuf manaa fi lafa qaban gurguranii yeroo dallaalaan sodaachifaman maallaqa erganii yeroo ijoollee baafatan.

#Dubbii_hayyuu
👉Jaarsa gaarii, gaafa jaartiin dhukkubsatte beeyta.

👉Jaartii gaarii, gaafa jaarsi miskiinawe beeyta.

👉Mu'umina dhugaa gaafa mokkorame beeyta.

👉Saahiba gaarii gaafa rakkatte beeyta.

👉Muka gaarii, gaafa midhaan dhale beeyta.

©️ Rajab Shek Abdulkarim Baallaa

👍 2
🏆 2
👍 4
Видео/гифка

Beeysisa Carraa hojii
BAAWO

👍 6
Изображение

#Dubbisaa 👇🏻
-------------------------------
✍🏻Dhaddachi ijibbaataa namicha Ani qabeenya homaatuu hin qabu jechuun hiyyummaadhaan komii kiyya dhiyeeffadha jechuun kakuun mirkaneessee dhiyeessee fi booda irra qabeenya gahaa qabaachuun isaa irra gahame adabbii ji'a tokkoofi guyyaa 15 itti muree Jira!👇👇👇👇👇
#Alemeyehu_Badede

👍 10
Изображение

Найдено 74 поста