Aangoo bakka bu’ummaa qabeenya bulchuu bu’ura SHH keewwata 2199 fi 2204ttin kennamu ulagaalee akkam guuttachuu qaba.
👉Walliigalteen bakka bu'ummaa akkumaa waliigaltee
waliigalaatti (SHH kwt.1676(2))
👉Gareen lameen dandeetti qabachu(capacity) kwt.1678(a)
👉bakka buusaan feedhii (consent)qabachu (kwt.1678(a),1696-1710)
👉Waliigalteen bakka bu'uummaa biifaa( form)qabachuu (kwt.1719,1720,1725,2180 fi 1678(c))
👉Dirqamaa(object)ttin jiraachu (kwt.1678(b),1715 fi 1716)
👉Barreeffama bakka bu’ummaa akkaataa seeraatiin
qophaa’e
👉Namni aangoo bakka bu’uummaa kennuuf dhihaate mirga ykn aangoo qabaachuu qaba.
👉Aangoo bakka bu’ummaa irratti kan ibsame qabeenyi ykn
mirgi addaa yoo jiraate ragaa abbaa qabeenyummaa
mirkaneessu dhiyaachuu qaba.
👉Waraqaa eenyummaa bakka buusaa dhiyachuu qaba.
👉Aangoo bakka bu’ummaa kan kennu waldaa daldalaa ykn
waldaa bu’a malee yoo ta’e sanadootni kanneen akka
barreeffamaa hundeeffamaa, danbii ittiin bulmaataa fi akka
barbaachisummaa isaatti qaboo yaa’iin dhiyaachuu qaba.
➡️Bakka bu'ummaan kwt.2204ttin kennamtuu keewwataa kana jalatti tarreeffamanii jiruu wantoota akka sanadaa irratti
mallatteessuu, mallaqaa kaffaluu, qabeenyaa sosocho'a
gurguuruu, dokumeentii waliif fuudhuu, liqii sasaabuu, mana
bulchuu,qabeenyaa addaa addaa waliif bulchuu, abbaa mirgaa bakka bu'aanii idaa fudhuudhafi kkf dhaf kan kennamudha.