Tilmaamni seeraa amalaa fi gocha shakkamaa mirgi wabii ittiin mormamu kamiyyuu ragaadhaan deeggaramuu qaba. Sababa qabeessummaan isaatis abbaa seeraa amansiisuu qaba.
✍️Dhaddachi yakkaa gaaffii mirga wabii dhiyaate simatee kan keessummeesse yoo ta’e haallan ittiin hayyame murteessuu qaba. Manni murtii hamma maallaqa dirqamni wabummaa ittiin seenamuu akka itti fakkaatetti murteessuu ni danda’a. Ta’us garuu, ulfaatina yakkichaa, deebi’ee dhufuu irratti amanamummaa shakkamaa, gadi lakkifamuun shakkamaa balaafamummaa nageenya hawaasaa irratti qabuu fi humna diinagdee shakkamaa ykn nama inni wabii waammatuu tilmaama keessa kan galchu ta’a.
✍️Sadarkaa qajeeltootti shakkamaan ykn himatamaan yakkaa dirqama wabummaa seename ni kabaja jedhamee tilmaamama.Haa ta’u malee, shakkamaan ykn himatamaan erga wabiidhaan bahee booda dirqama seenee dhiisuudhaan beellama irraa kan hafu yoo tahe poolisiidhaan qabamee akka dhiyaatu ajajama.Dirqama wabii kan mallatteesseef nama 3ffaa yoo ta’e wabiin maallaqa ittiin dirqama seene mootummaaf sababa galii hin gooneef yoo qabaate dhiyaatee akka ibsu gaafatama.108 Wabichi dhiyaachuu yoo dide maallaqichi mootummaaf galii taasifama.
✍️Kanumaan dirqamni wabummaa nama himatamaaf wabii ta’eef sana irraa buufama. Haalota armaan ol ibsamaniin alattis, mirgi wabii hayyamamee ture sababoota adda addaatiin haqamuu ni danda’a. Namni shakkamaaf/himatamaaf dirqama wabii ta’e yoo du’e ta’e dirqamni wabii sun hafaa ta’eeti shakkamaan/himatamaan wabii biraa akka dhiyeessu taassifama.
✍️Himatamaan/shakkamaan dirqama wabii seene bahuu kan hin dandeenye yoo ta’e mirgi wabii haqamuudhaan deebi’ee to’annaa jala tura. Dabalataanis, yemmuu wabummaan hayyamamu gochoonni akka gowwoomsuu ykndogoggorsuu raawwataman yoo ta’e ykn yakka raawwatameen wal qabatee firiin dubbii haaraa argame shakkamaan wabii gahaa akka dhiyeessuuf ykn to’annaa jala akka turuuf manni murtii ajajuu ni danda’a.Dabalataan, abbaan alangaa himata dhiyeessee ture yoo kaase dirqamni wabummaatis walumaan ka’a.
✍️Namni himataaf/shakkamaaf dirqama wabii seene shakkamaan/himatamaan ni miliqa jedhee yeroo shakkeetti mana murtii beeksisuun, manni murtiis shakkamaa/himatamaa to’annaa jala erga oolcheen booda dirqama wabii iyyataa ni haqa. Akkasumas, namni dirqama wabii shakkamaa/himatamaaf galee nama mirgi wabii eegameef qaamaan mana murtiitti dhiyeessuun dirqama wabii haqsiisuu irra darbee,yeroo barbaadeetti dirqama kana irraa bilisa ta’uuf mana murtiitti iyyachuu ni danda’a. Manni murtiis shakkamaa/himatamaa deebisee to’annaa jala erga oolcheen boodatti dirqama wabii iyyataa kan haqu ta’a.Yeroo kanatti himatamaan/shakkamaan wabii biraa akka dhiyeessuuf carraan kan kennamuuf tahee, dhiyeessuuf garuu fedhii ykn dandeettii kan hin qabne yoo ta’e to’annaa jala akka turu taassifama.
✍️Gaaffiin mirga wabii shakkamaa yemmuu kufaa taasifamu shakkamaan guyyoota 20 keessatti oliyyata gaafachuu akka danda’u SDFY kw.75(1) kaa’eera. Keewwatni kun eegamuu mirga wabii irratti abbaan alangaa komii yoo qabaate ta’e iyyachuu danda’uu fi dhiisuu ifaan kaa’uu yoo baatees murtiin MMWF Dh/Ijibbaataa galmee lakk.110969 kenneen abbaan alangaa illee komii yeroo qabuutti oliyyachuu akka danda’u hiikeera.Dabalataanis, falmiin mirga wabii mana murtii oliyyata dhagahuun ilaallamee yoo murtaa’e, murtichi kan xumuraa ta’a jechuu SDFY kw. 75(2) jalatti kan tume yoo ta’ees murtii MMWF Dh/Ij lakk.galmee 146727 irratti kenneen mirga wabii dhiyaate manni murtii heeyyamee, murtii kana komachuun AA oliyyannoo fudhatee murtii mana murtii jalaa haqsiisuun mirga wabii kan mulqisiise yoo ta’e murtii kanarratti iyyatan oliyyachuu kan danda’u ta’uu ibseera.
#Seerotaa_fi_MDHIMMWF_mirga_wabiin_wal_qabatan
👉HMFDRI bara 1995 bahe keewwata 19(6)
👉Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 64(2)
👉Seera Deemmii Falmii Yakkaa Itiyoophiyaa Kw. 66