Телеграм канал 'MOTIVATION Afaan Oromoo'

MOTIVATION Afaan Oromoo


683 подписчиков
104 просмотров на пост

Maal barbaaddu?
1.Jechoota kaka'umsaa?
2.Jechoota barsiisoo?
3.Odeeffannoo dhugaa?
MAARREE @motivation_ao hordofaa

Детальная рекламная статистика будет доступна после прохождения простой процедуры регистрации


Что это дает?
  • Детальная аналитика 5'852'512 каналов
  • Доступ к 1'533'798'153 рекламных постов
  • Поиск по 5'804'030'966 постам
  • Отдача с каждой купленной рекламы
  • Графики динамики изменения показателей канала
  • Где и как размещался канал
  • Детальная статистика по подпискам и отпискам
Telemetr.me

Telemetr.me Подписаться

Аналитика телеграм-каналов - обновления инструмента, новости рынка.

Найдено 124 поста

XIINXALA GADIFAGOO (CRITICAL THINKING)

Nama xiinxalaan nama dursu ta'uu ni feetaa? Nama akkanaa ta'uun adeemsa itti fufiinsa qabuudha.Akkasumas shaakala, of-madaaluu, yaadaa fi ilaalcha mataa keetii mormuuf fedhii qabaachuu fa'a si gaafata. Tooftaalee dandeettii yaaduu kee guddisuuf si gargaaran keessaa muraasni akka armaan gadiitti ibsamanii jiru;

❶Fedhii beekuu horachuu: Waaʼee addunyaa naannoo kee jiru beekuuf fedhii dhugaa horadhu.Gaaffii gaafachuu, odeeffannoo haaraa barbaaduu fi ilaalcha adda addaa qoradhu. Fedhii waa beekuu qabaachuun guddina sammuuf annisaa isa jalqabaati.Annisaan fedhii kanaan waa baruuf nu keessatti uumamu yaada qeeqaas kan jajjabeessudha.

❷Dandeettii yaada qeeqaa jajjabeessu horachuu: Yaadni qeeqaa odeeffannoo xiinxaluu, falmii madaaluu fi murtii sababa qabeessa ta’e kennuu of keessatti qabata. Dabalataanis tilmaama adda baasuu, loogii beekuu fi amanamummaa maddootaa madaaluu shaakaluu, akkasumas gochaalee rakkoo furuu fi sababeeffannaa loojikii barbaadan irrattis bobba’uu nama gaafata.

❸Rakkoo walxaxoo ta'an maadheffachuu(Embrace complexity): Dhimmoonni baay’een roga hedduu kan qabaniifi furmaata salphaa akka hin qabnes hubachuu. Ilaalcha dachaa ilaaluun, wantoota adda addaa madaaluu fi wantoota bitaa sitti galan ammoo hubachuuf qalbisaan caqasuu qabda. Wantoota walxaxoo ta'an garmalee salphistee ilaaluu irraa of qusadhu. Hubannoo ga'aai rratti barbaadi malee.

❹Dhaggeeffachuu dammaqinaan shaakali: Yeroo haasawa ykn falmii irratti bobbaatu namoota biroo dammaqinaan dhaggeeffachuuf Xiyyeeffannoo guutuu kenniif. Gaaffiiwwan ifa taʼan gaafadhu, akkasumas ilaalcha isaanii hubachuuf carraaqqii godhi. Dhaggeeffachuun dammaqinaan hubannoo haaraa akka argattu si gargaara. Akkasumas, ilaalchuma keeyyuu irra deebitee dhugummaa isaa akka ilaaltee madaaltuuf sigargaara.

❺Ilaalcha addaa addaa barbaadi: Sagalee fi ilaalcha addaa addaatiin of marsi.Namoota seenaa, muuxannoo fi amantaa adda addaa qaban waliin haasa’uu shaakali. Ilaalcha adda addaatiif saaxilamuun yaada kee bal’isa, akkasumas gara laafinaa fi hubannoo akka qabaattuuf si gargaara.

❻Ilaalcha kee xiinxali: Yeroo hunda yaada, amantaa fi adeemsa murtoo mataa keetii irratti xiinxala geggeessi. Loogii ykn tilmaama qabaachuu dandeessu kamiyyuu qorachuu fi qeequun mormi. Ilaalcha filannoo biraa ilaaluu fi ragaa ykn falmii haaraan yeroo siif dhiyaatu yaada kee jijjiiruuf banaa ta’i.

❽Bal’inaan dubbisi: Kitaabota, barruulee fi meeshaalee biroo gosoota barnootaa fi ilaalcha adda addaa irraa dubbisi. Yaada, tiyoorii fi falaasama adda addaatiif of saaxili. Dubbisuun bu’uura beekumsa keetii bal’isuun dandeettii qeeqaa fi kalaqaan yaaduu kee guddisi.

❾Dandeettii fi eenyummaa kee hubachuu shaakaluu: Of beekuu fi dandeettii xiinxala sammuu keetii guddisuun yaada fi miira kee murtii namoota biroo malee akka ilaaltuuf si gargaara. kunis caalaatti ofuma keen akka yaadduu fi murtoo fooyya’aa akka gootuuf si gargaara.
HUB: Nama xiinxalaan nama dursu ta’uun imala obsaa fi cimina gaafatu ta’uu isaa hin dagatin!

Galatoomaa!

@haqummaaf


https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1

👍 2

Ani nama kabajni maluuf miti ofiin jettee, akkamitti jireenya Kabaja qabummoo ofirraa eegda? Jireenyi barcuma ati ofiif  keesse irra si teechisa, teessoo siif malu ammoo jireenya utuu hin taane situ ofiif murteessa!

Nama yeroo hundaa waliin baate galtu, nama yeroo hundaa ittiin of jijjiruuf jettee dafqsiiftu, nama mul'ata Koo Isa guddaa galmaan naaf ga'a jettee amante itti laatte, ofiikee mufachiiste, Eenyu waliin karaa fagoo deemuufi?

Jireenya keessatti uumaa waliin hanga dhumatti kan si waliin gammachuuf gaddaa mara hirmaatu, Suma mataa keeti! Gaafa gammadduus gaddituus ati Suma!

Of waliin akka gaariitti jiraachuu caalaa ogummaa bareedduun hin jirtu. Namni of kabajee, gaarii ofiif yaadee, yaaddoof dhiphuu jalaa of dhoksee tasgabba'ee of waliin jiraachuu danda'u, inni ogeessa fagoodha! Of kabajuun, ogummaa guddaadha! Sababni isaa namni of kabaju Xiqqoo ofiif hin yaadu! Namoonni fiixee milkaa'ina irra qubataan, namoota Kabaja guddaa fi gatii olaanaa ofii isaaniif qoodaniidha! Ani nama kabajni maluuf miti ofiin jettee, akkamitti jireenya Kabaja qabummoo ofirraa eegda?

Jireenyi barcuma ati ofiif  keesse irra si teechisa, teessoo siif malu ammoo jireenya utuu hin taane situ ofiif murteessa! Obboloota__Of waliin nagaatti jiraadhu! Namoota Kabaja siif maluu siif kennuu hin dandeenye waliin miiltoo hin ta'iin!

Namoota siin kabajne irraa of fageessuun of kabajuu Kee mul'isa! Haalli Gaaf Wal siif qixxachuu didu, of ciccirtee of hin dallansiisiin! Tasgabbaa'ii sammuu Keen fidi fala jedhiin! Nama tokko arrabsaa, Kabaja dhowwattaa, maallaqa naaf kenni utuu jetteenii Tole jedhee siif kennaa? Hin kennu sababni isaa Kabaja isaaf malu utuu hin ibsiniif, waan ofii Kee barbaaddu dursisifte waan ta'eef!

Dursa iddoo siif Malu irra of kaa'i, dursa ofiif qabdu jijjiri, isaan booda waan barbaadde of gaafadhu! Kanniisa of Gootee of uummamnaan, dammi Kee ta'uuf ni dirqama! Kanaaf dursi wanta argachuu barbaaddu sun eenyummaa siif kennuu danda'u of keessatti uumi!
Kanan dubbisee irraa.
https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1

👍 2

1, Mammaaksa: Namni dhara dheesse galgala dhugaatti baha.

Hiika Mammaaksaa: 1ffaa, Kan waan sirrii hin taane mormu gaafa tokko dhugummaan isaa iffatti mul'ataafi.

2, Mammaaksa: Amma dhugaan dhufutti sobni barcuma guuttee teessi.

Hiika Mammaaksaa: 2ffaa, Amma dhugaan mul'atutti sobni iddoo qabata.

3, Mammaaksa: Adiifi aduun hin dhokatu.

Hiika Mammaaksaa: 3ffaa, Dhugaan yeroof dhoksanillee gaafa tokko mul'achuun isaa hin hafu.

4, Mammaaksa: Ammaaf malee baraaf malee sombi kan sareeti.

Hiika Mammaaksaa: 4ffaa, Yeroodhaaf haa dukkanooftu malee dhugaan ooltee bultee ni mul'atti.

5, Mammaaksa: Qullaa lafaafi dhugaa Waaqaa hin dhoksan.

Hiika Mammaaksaa: 5ffaa, Waan boru ifatti mul'atu tokko dhoksuun dansaa miti jechuudha.

6, Mammaaksa: Qamuu maaf hin godaanne jennaan dharri dalagaa keessani jette.

Hiika Mammaaksaa: 6ffaa, Karaan sobaan darban deebiitti nama rakkisa.

Mammaaksa: Citan malee citaa hin haaman

Hiikaa; Rakkatanii yoo hojjetan rakkina keessaa ba'u

Mammaaksa: Otoo hin hubatiin harkaa hin gubatiin

Hiikaa; Waan tokko osoo gadi fageenyaan hin ilaaliin hojjechuun namarratti rakkina akka fidu agarsiisa

Mammaaksa: Godaantuun qalbii hin qabne ibidda feetee godaanti

Hiikaa; Rakkina baballisuu, waan hin taane raawwachuu agarsiisa

Mammaaksa: Namni shaniin kenne; shan hagabuu hin bulu

Hiikaa: Nama rakkina nama oolcheef bara rakkina isaa namni hunduu ni dirmataaf

Mammaaksa: Ofii haasoftee ana rukuchiifta jedhe mataan afaaniin

Hiikaa: Rakkina qaamni tokko uumeef kan biraa itti rakkachuu agarsiisa

Mammaaksa: Bayyanatteen abbaa biyyaa of seeti

Hiikaa; Kan rakkinaa baate kan ishii caalu jira hin seetu, gadheen namaan nama hin jettu. Waan darbe hin yaadattu. Hunduu kiyya jetti.

Mammaaksa: Ani gaggabe jennaan danfa tokkoon si qaqqabe, jette maseenni

Hiikaa; Maseenni rakkina namaaf hin gadditu, ykn hin naatu jechuuf mammaakame

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1

👍 1

Akkas akkas taane egaa!

Gajamoo citte taane
Hidda muruu dadhabne
Xaddee dulloomte taane
Tabba ba’uu dadhabne
Bona nuuf darba jennaan
Hongeen lafaan nu dha’e
Ganna nuuf darba jennaan
Dhoqqeen mataa nu ga’e….

Fooyyee dhabne takkuma
Tollis - lollis yakkuma!
Quncee fo’uun nu dhibe
Duunees boo’uun nu dhibe!
Ajjeesaa imimmaan cobsu
Garaan koo maalitti haa obsu?

#Waloo_Leta

Goota dhugaaf dhiige!
Tulluu haqa sabaaf jige.
https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1

Akkana jedhe Sooqiraaxis

Yeroon dargaggeessa ture, ganama yeroon hirribaa ka'uu hin jaalladhun ture.Harmeenkoo immoo amalakoo kana baay'ee na'rratti jibbiti, waan Daldalaa Sooressa akkan ta'uuf naaf abjottuuf.

Guyyaa tokko Harmeenkoo faayidaa ganama yeroon hirribaa ka'uun qabu akka natti himuuf, Ana faana gara Barsiisaakoo dhufte.

Barsiisaa: Sooqiraaxis, Seenaa bareedaa tokkon sitti hima, atimmoo seenicha'rraa waan baratte naaf himta, tolee!

Sooqiraaxis: Haa ta'u.

Barsiisaa: Simbirroota lamatu turan, Isheen ganamaan kaate raammoo funaannattee nyaattee ilmoolee ishees soorte. Isheen lammaffaarratti barfattee kaate immoo, waan nyaattu homaa'llee hin arganne, ni beelofte. Seenicharraa maal baratte, Sooqiraaxis!

Sooqiraaxis: Raammoowwan warri ganamaan dafanii ka'an Simbirrootaan nyaataman.

An deemeera Nagaatti!😁


@haqummaaf

https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1

👍 1

#Hin_inaafin
Namoonni tokko tokko umrii waggaa 22tti Digiriidhaan eebbifamanii, hojii gaarii argachuuf waggaa 5-10 eegu.
Namoonni tokko tokko umrii waggaa 25tti Gaggeessaa Ol'aanaa ta'anii umrii waggaa 50tti addunyaa tana nagaa itti dhaamatu. Tokko tokko immoo, umrii waggaa 50tti Gaggeessaa Ol'aanaa ta'anii umrii ganna 100 jiraatu.
Namoonni tokko tokko mana barumsaa hin beekan, Manni barumsaas isaan hin beeku, garuu jireenya baay'ee bareeda jiraatu. Tokko tokko immoo, Sadarkaa barumsaa hunda fixanii jiru, garuu jireenya gammachuu qabu hin jiraatan.
Namoonni tokko tokko ammayyuu jireenya leexaa (single) jiraatu, kan inni/isheen dur waliin baratan immoo Akkayoo fi Akaakayyuu ta'anii jiru ta'a.
#Obaamaan waggaa 55tti Soorama bahe, #Joe_Biden immoo umrii ganna 78tti Pirezedaantii Ameerikaa ta'e, ammas umriin isaa ganna 81tti Pirezedaantummaa itti fufuuf morkachaa jira.
Namni hunduu hiree mataa isaa jiraata.
Namoonni naannoo kee jiran tokko tokko kan si duursan, kun immoo dubduuba kee kan jiran sitti fakkaachuu danda'a. Haa ta'u malee, hunduu dorgommii isaanii, yeroo isaaniif kennametti fiigaa jiru.
Tasuma itti hin inaafin!!
Atis jireenya kee, isaanis jireenya isaanii jiraachaa jiru.
Kanaaf, gammadi, wanta gochuu qabdu godhi.
Ati hin barfanne.
Ati hin ariifanne.
Atis, Innis, Isheenis yeroo isiniif kennameen deemaa jirtu.
Galatoomaa!!!
        ✍Dr. Chala Dida

@haqummaaf

https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1

👍 2

Найдено 124 поста