Каталог каналов Каналы в закладках Мои каналы Поиск постов Рекламные посты
Инструменты
Каталог TGAds beta Мониторинг Детальная статистика Анализ аудитории Telegraph-статьи Бот аналитики
Полезная информация
Инструкция Telemetr Документация к API Чат Telemetr
Полезные сервисы
Защита от накрутки Создать своего бота Продать/Купить канал Монетизация

Не попадитесь на накрученные каналы! Узнайте, не накручивает ли канал просмотры или подписчиков Проверить канал на накрутку
Прикрепить Телеграм-аккаунт Прикрепить Телеграм-аккаунт

Телеграм канал «MOTIVATION Afaan Oromoo»

MOTIVATION Afaan Oromoo
189
1
274
219
104
Maal barbaaddu?
1.Jechoota kaka'umsaa?
2.Jechoota barsiisoo?
3.Odeeffannoo dhugaa?
MAARREE @motivation_ao hordofaa
Подписчики
Всего
1 018
Сегодня
-1
Просмотров на пост
Всего
83
ER
Общий
8.15%
Суточный
6%
Динамика публикаций
Telemetr - сервис глубокой аналитики
телеграм-каналов
Получите подробную информацию о каждом канале
Отберите самые эффективные каналы для
рекламных размещений, по приросту подписчиков,
ER, количеству просмотров на пост и другим метрикам
Анализируйте рекламные посты
и креативы
Узнайте какие посты лучше сработали,
а какие хуже, даже если их давно удалили
Оценивайте эффективность тематики и контента
Узнайте, какую тематику лучше не рекламировать
на канале, а какая зайдет на ура
Попробовать бесплатно
Показано 5 из 189 постов
Смотреть все посты
Пост от 23.12.2025 05:41
1
0
0
HIN DHIQATIIN HARKA! _ _ Fira - fira jettee Otuu na leellistuu Arraba jiifattees Waa'ee koo weeddistuu Akka waan naaf turtee Akka waan naaf jirtuu Otuu dubbii mi'aawaatiin Gurra narraa cirtuu. Dukkana waariidhaan Dahattee - gugguuftee... Cooma nyaattee buluuf Sobaan na gurgurte! _ _ Otuun deemee hin ga'iin Galma koo walakkaa Jirma hamminaan dhiibdee Na mancaafte bakkaa Kan lafee koo cabse Si'idha abbaan yakkaa Keessaa hin qabu jettee Hin dhiqatiin harka! https://t.me/Dirree_beekumsa
Пост от 16.12.2025 19:10
1
0
0
Namicha tokkotu osoo karaa deemuu ibidda haalaan boba'aa jiru tokkotti dhufa. Akkuma ibidda boba'aa jiru kanatti dhiyaateen, bofa ibidda sana keessatti gubachaa, lubbuuf watwaachaa jiru argee, bofa kana ibidda kana keessaa baasuun qaba jedhee murteesse. Osoo baasuuf yaaluu bofni sun harkasaa iddee dhiigsee, deebi'ee ibidda sana keessa of buuse. Ammas namichi kun, sibiila ittiin lubbuu bofa kanaa oolchu barbaadee baaseen. Namni biroon namicha kanatti dhufee, ''bofni kun osoo si iddee jiruu maaliif lubbuusaa oolchitee?'' jedhee gaafate. Namichis, ''bofti nama idduun amalumasaati, waan na iddeef, kennaakoo ganamaa ilaalcha gaarii sana na jijjiirsisuu hin danda'u!''jedhee deebiseef. 👉Ilaalcha gaarii Uumaan ganama siif kenne, sababa miidhaa sirra gaheef hin jijjiiriin. Onneekee gaarii sana akka si jalaa hin banneef, of eeggannoo gaarii taasisi. ~~~ © Bulti Likisa Muleta, 2025 👉Kanan dubbiserraa, https://t.me/Dirree_beekumsa
Пост от 11.12.2025 09:19
15
0
0
😳Hiriyoota Sobaa! 🚫 🤷🏻Hiriyoonni nuti qabnu hundu hiriyoota dhugaa miti. Hiriyoonni sobaaas jiru. Yeroo ilaallu hiriyaa dhugaa fakkaatu. Callisaniidhuma nu gossu malee waanti nu fayyadan hin jiru. 😔 ❌ Amala dhaabbataa kana jedhamu hin qaban. Yoo waa sirraa argatu ta’e si gargaaru. Ati cimaadha jedhaniis sifaarsu. 💪 Yoo ati dhugaatti rakkattee isaan barbaaddu garuu hin jiran 😞 Barbaaddee argachuunsaas rakkisaadha. Miira kee irrattis dhiibbaa guddaa geessisu. 💔 🧠 Akka saayikoloojiin jedhutti: Hariiroon akkanaa: • Dhiphina namatti dabalu 😣 • Nagaa namaas ni booressu 😢 • Boqonnaa sammuu nama dhorku • Ofitti amanamummaa namaas ni hunkuteessu 🥀 • Nama tuffatu, yaada ijaaru namaa hinkennan 🤥 • Nama xiqqeessuu yaalu 😒 Xumuratti qofummaatti nama kennuun dhaabatanii nama taajjabu. 👤 💡 Yoo haalli akka isaanii wajjin jiraattu si dirqisiisu jiraate: ✅Nama akkamii akka ta’an of amansiisuun hiriyaa ta’iif malee gocha isaan raawwataniif iddoo laattee of hincinqin. ❌ ✅Namoonni akkanaas “nama kooti rakkina kiyya naaf furuudha” jettee sammuutti hinqabatin. ⚠️ ✅Nageenya kees eeggadhu 🕊 ✅Hanga dandeessus irraa fagaadhu⛔️ 🌱 Suuta suutas: • Namoota si gargaaran, • Guddina kee jaallatan, • Rakkoo kee siif hirmaatan waliin hariiroo qabdu cimsachuun jireenya kee itti fufi ✨💛 #JOIN US https://t.me/Dirree_beekumsa
1
Пост от 01.12.2025 15:43
73
0
0
Onneen tokko tokko, akka dhagaati; dhagaa lagaati Bakkaa hinka'u Baqaa hinta'u Garuu... humni addaa akka ibiddaa akka tasaa gaafa tuqu Tokko jettee barta, waa'ee baquu! * * * KB https://t.me/Dirree_beekumsa
1
Пост от 30.11.2025 20:17
104
0
0
"Lafa hin buutuu lafeerra buuti" jedha Oromoon yeroo mammaaku. Adaraa "inxinnaatte" jettani hin tuffatinaa; mukuu itti bahaa. Miciirraa *** Harki ilma ’saanii Guntuta intala keenyaa Harki intala ’saanii Cinaan ilma keenyaa Miciiree nu qabe, miciramnee teenyaa Bakka yaadne sana maal akkamiin geenyaa? *** Zelealem Aberra Tesfa 25.11.2025 Helsinki/Finland https://t.me/Dirree_beekumsa
Смотреть все посты